24.2 C
Addis Ababa
Wednesday, February 5, 2025

Ka’uumsa wal-waraansa Oromiyaa: Dhalachuu Paartii Badhaadhinaafi waraana xuraa’aa Oromoo fakkaattii Abiyyiin bocuuf taasise

Barruun kun jalqaba kan qophaa’ee dhiyaate kora jaarmiyaa ABO-WBO magaalaa Washinton DC Hiree Oromiyaa Sirna Abiyyiin Booda jedhu irratti. Dubbii koo kanan qopheeffadhe beekumsaa fi hubannoo yeroon qaama mootummaa keessa ture argadhe irraayi.  

Bu’uuruma kanaan barruu kana keessatti balaa Bilxiginnaan Oromootti fide keessattuu akka sabaatti gaaddiduu diigumsaa uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti agaamame irratti xiyyeeffadha. Waraanni guddaan uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti Bilxiginnaadhaan ganna jaheessoof adeemsifamaa jira. Kun dhugaadha. Waraanichis Oromoo diiguun bifa impaayera Abiyyiif taatutti ijaaruu kaayyeffate ta’uun falmii yaadaan dhiyeessa.    

Barruu kana keessatti waantoota gurguddoo walitti hidhatan lama irraan dubbadha. Inni jalqabaa waraanni ganna jahan darban keessa uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisamaa jiru waraana naannolee biroo irratti taa’aa jiran irraa adda akka ta’e ragaan dhiyeessa. Kan lammataa immoo maddi waraana Itoophiyaa keessatti ta’aa jiruu imammata Bilxiginnaa kan “Oromoo diignee bifa Itoophiyaaf toluun irra deebinee ijaarra” jedhu irraa kan maddee ta’uun dubbadha. Kanuma galmaan gahuuf jecha Bilxiginnaan akka meeshaa siyaasatti kan tolfame ta’uun addeessa.

Akka yaada Bilxiginnaatti, keessaayyuu akka ilaalcha Abiyyitti, Oromoon hundi bakka lamatti qoodama. Inni tokko Oromoo isa Oromummaa isaaf bakka hin qabne, dhiisi yoo jedhames dhiisuuf fedhii kan qabu fi akka impaayera Abiyyiif tolutti irra deebi’amee erbamu fi akka Abiyyi jedhutti “ol-guddatee akka Itoophiyaatti taphachuu danda’udha”. Oromoonni akka Abiyyiif tolutti erbamuu danda’an kun seenessaa fi seenaa uummata Oromoo argaa dhageettii Oromoo hin fudhatani, ittis hin amanani, seeenessaa fi seenaa impaayeraa faarsanii jiraachuu filatu. Namoota akkasiif gootonni dhugaan Minilik fi Goobanaadha malee Leenjisoo Diigaa fi Abiishee Garbaa miti. Oromoon inni kun isa dammarame ykn dammaramuu danda’u jedhu. Oromoota warra Abiyyoomuu danda’an jechuudha. Akka Abiyyi jedhutti Oromummaa faarsuun boo’icha, Minilikii fi Hayilesillaasee faarsuun mo’icha. Akka Abiyyi yaadutti Itoophiyummaan yaada mo’ataa ykn “ashennafi astesaaseb” yoo ta’u Oromummaan yaada mo’ataa miti. Abiyyii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu saba Oromoo hin fudhatu.

Akka ilaalcha Abiyyitti, Oromoon inni biroon immoo Oromoo isa Oromummaa isaaf cichoomina qabu, tokkummaa Oromoo fi Oromiyaaf dhaabbatudha. Oromoon akkasii warra Oromoon akka sabaatti ofiin of danda’ee lafaa fi qabeenya isaa irratti abbaa biyyaa ta’ee seenaa fi seenessa ofii gootota ofii faarfatudha. Oromoonni Oromiyaa walabaa fi dimokraatawaa taateen buluu fedhan kamuu warra dammaramuu hin dandeenyedha jedha Abiyyi. Oromoon ofdanda’ee yoo ijaarame, dammaramuu hin dandeenye jedha Abiyyi. Hireen Oromoo Oromoodhaan murtoofti yoo nami jedhe, kuni hammeenya jedhu. Kuni “walta raggax/finxaalessa” jedhuuni. Dur qabsaa’aa Oromoon “xabbaab” amma “walta raggax” jedhu. Oromoon tokkummaa fi bilisummaa uummata Oromoof dubbatu hundi “walta raggax” jedhama, sana booda seelii diina jedhuuni sana booda adeemsa keessa ni dhabamsiisu. Bilxiginnaan kana hojiitti hiikuuf uumamte. Kanaafuu rakkoon Abiyyi Oromummaadha, rakkoon Oromummaas Abiyyi falmii yaadaa jedhun qaba.   

Oromoon Abiyyi abjootee mataa keessaa qabu akka Itoophiyaan Abiyyi isaan barbaaddutti warra tolfamuu fi erbamuu danda’anidha. Warri sabboontonni Oromoo garuu erbamuu warra hin dandeenye, Abiyyoomuu warra morman waan ta’aniif balaa sirna kootiiti, dhabamsiifamuu qabu jedhee amana Abiyyi. Balaan badisaa fi gaaddiduun diigumsaa saba Oromoo irratti aggaamames asirraa madda jechuudha. Kanarraa kan ka’e Oromoo gama hundaan diiguuf dhama’aa jiru. Amantiidhaan gargar baasuuf dhama’u. Tokkotti waan biroo himu, warra birootti waan biroo hasaasu. Gandaan gosaan gargar baasuuf yaalaa turani. Maallaqaa fi dacheen bituuf yaalani. Harka caalu garuu ajjeesuun qulqulleessuuf filataniiru. Sababni bu’uuraa Abiyyi waraana guddaa Oromiyaa irratti ganna jaheessoof adeemsissa jiruuf kanaafi. 

Ergan kana jedhee booda, garaagarummaa waraana Oromiyaarratti ganna jaheessoof deemaa jiruu fi walwaraansa naannolee Amaaraa fi Tigraay keessatti ta’ee fi ta’aa jiru irraan dubbadha. Naannoo Tigraay keessatti walwaraansi kan eegale humnoota TPLF/TDF fi Raayyaa Ittisa Biyaa/humnootaa Naannoo Amaaraa gidduutti. Lolli Naannoo Amaaraa kan eegale gareen walta’anii naannoo Tigraay lolaa turan araara Pretoria booda hiikkadhuu fi hin hiikkadhuu irratti waldhabani. Lolli Oromoo fi Bilxiginnaa gidduutti deemu garuu lola Oromummaa xiqqeessii ykn dhiisii kan ani jedhu fudhuuti. Lola Minilik fi Goobanaa Daccii goota kooti jedhii fudhuu fi hin fudhuuti. Lola Aanolee fi Calii Calanqoo seenaa dhugaa utuu hin taane jette jettee jedhii fi hin jedhuuti. Lola ideologiiti jechuudha. Waldhabdeen jiru isin irrattan fe’aa fi nurratti hin feetuuti. Lola hundeen gadi fagooti. Gabbarii fi hin gabbaruudha. Lola sin balleessaa fi ani hin baduuti. Bu’uuruma kanaan yakkoonni sadarkaa idil-addunyaatti dhorkamoo ta’an baay’een Oromoo irratti waggoottan jahan darban kana raawwateera. Qaroon Oromoo sabboontonni kan mana hidhaa baasanii fixan, kan harka duubatti hidhanii ajjeesanii beenensa nyaachisan kumni haa lakkaa’u. Oromoo gabbarsiisuuf jecha namoota Oromummaa isaaniitti cimaadha jedhan tokko tokkoon funaananii fixaa jiru. Duulli akkasii kan mootummaan warra isa morman dhabamsiisu Waraana Xuraa’aa ykn dirty war jedhama. State terrorism illee ni jedhama. Wanti Bilxiginnaan ganna jahaaf Oromiyaa keessatti uummata nagaa na mormu jedhu dhabamsiisaa tures jirus kanuma. Mootummaan ni dhabamsiisa, ragaa balleessa, kan hundi beeku du’anii badaniitu dhoksuuf yaalu. Kanaaf dirty war jedhama. Waraanni Xuraa’aa walwaraansa irraa gargari. Walwaraansi (civil war) kan jedhamu hawaasa hiratee fi loltoota mootummaa gidduutti ta’a lolli. Oromiyaa keessaa garuu mootummaatu imaammata haarawaa qabatee dhufe hojiitti hiikuuf uummata nagayaa irratti lola bane. Uummata nagayaa hidhanii hidhaa baasanii fixuu irraa eegale. Lolli Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi loltoota mootummaa gidduutti ta’u walwaraansa jechuu ni dandeenya. Lolli Naannoo Tigray fi lolli Naannoo Amaaraa garuu warra hidhannoo hiikkachuu dide waliin eegale. Adeemsa keessa uummanni nagayaanis gaaga’aaniiru. Kanaaf garaagarummaa ku’umsaa, garaagarummaa adeemsaa, garaagarummaa galumsaa qaba.

Karrayyu dig a mass grave for the massacred Gadaa leaders.
Karrayyu community members dig a mass grave for 14 Gadaa leaders killed on December 1, 2021. Photo: Nuredin Jilo.

Fakkeenyaaf, gaafa eegalu Abiyyi, “Bilxiginnaan ala paartiin kamiyyuu Oromiyaa keessa jiraachuu hin qabu” jedhee karoora baaseetu. Sana booda, “seelii diinaa hawaasa keessaa qulqulleessina” jechuun dargaggoo fi manguddoo “nu mormu” jedhan hidhanii rashanuu eegalani. Bu’uura paartiitiin yoo ilaalle Tigray TPLFn bulti, Naannoo Amaaraa irraa ABIN waliin aangoo qooddatu, Finfinnee irraa EZEMA waliin aangoo qooddatu, Oromiyaa garuu 100% Bilxiginnaatu ciniinee qabatee jira. Dubbiin tan Oromoo kun hamtuudha jechuufani. Wanti kun akka carraa waan ta’e miti. Itti yaadameetu sadarkaa imaammataatiin hoogganamee asgahe. Oromiyaa akka qabeenya dhuunfaatti ciniinanii qabachuuf imaammanni dhuma bara 2018 bahe. Gaafa ODPn jirtu Abiyyi ifa godhe. “Akkuma TPLF bara 1991 kaasee Tigraayiin bulchaa jirutti, akkuma Shaabiyaan bara 1991 kaasee Eritrea bulchaa jirutti, nutis Oromiyaa dhuunfachuun bulchuu qabna, Tigraayi irraa haa barannu” jechuun imaammata diriirse Abiyyi. Sababa kanaaf, Oromoon maqaa dimokraasii dhahu hundi du’atu isa eeggata Oromiyaa keessatti. Kuni lola Oromiyaa keessatti deemaa jiru kan Tigraayii fi Naannoo Amaaraa irraa adda godha.  

Abiyyi Bilxiginnaa kan ijaarrateef, humna isa mormuu fi isa dura dhaabbatu hunda ittiin diiguufi. Siyaasa mana qulqulleeffanaa jedhuun jalqaba Oromoo fi siyaasa sabummaa Oromoo rukuchuun eegale. Gaafa Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI) diigu sababni guddaan Abiyyi dhiyaase, siyaasni ADWUI eenyummaa sabaa dhiitesseetu eenyummaa biyyaa xiqqeesse jedhee qorannoo ofii dhiyeesse. Oromoon Oromiyaa irratti goggogee hafe, saboonni kaanis akkasuma naannoo isaanii keessatti balbala cufatanii hafani, kana jijjiiruu qabna jedhe. “Lafti kun kan Oromooti, lafti sun kan ebeluuti” jechuun atakaroo Itoophiyummaa dadhabsiisedha jedhee dhiyeessi. Lafti kan sabaa fi sablammii miti ejjennoo jedhu qaba. Qabiyyeen biyya Itoophiyaa lafuma. Lafti guddoo fi handhuurri kan Oromooti. Kuni dhugaadha. Eeenyummaan sabaa inni guddaan kan Oromooti. Siyaasni sabaa (sabboonummaan sabaa) biyya dadhabsiise yoo jedhu Abiyyi, sabboonummaan Oromoo xiyyeeffannoo keessa galti jechuudha. Paartiin saba irratti hundaa’e haa diigamu, haa badu yoo jedhu, imaammannii fi gochi akkasii sabaa fi sablammoota hunda miidhus, Oromoo saba guddaa irratti kan xiyyeefatedha. Paartiin Abiyyi Ahmed, Paartiin Bilxiginnaa siyaasa sabaa ni balaaleffata. “Siyaasa lammummaa” immoo ni leellisa. Kanaafi egaa Bilxiginnaa fi EZEMAn kan dugdatti walbaataniif. Siyaasni lammummaa jedhamu kun maalii yoo mirga sabootaaf beekkamtii hin kenniin? Biyya Bilxiginnaa fi EZEMAtti, siyaasa lammummaa jechuun eenyummaa saba kee xiqqeessitee, seenaa saba kee dhiiftee, goota saba kee wallaaltee, Afaan Amaaraa dubbattee, aangoo siyaasa Itoophiyaa eenyummaa kee godhattee, eenyummaa biyyaatu dursa jettee Itoophiyummaa kudhaammattee, Minilik, Hayilessillaasee faarsitee, ani Itoophiyaawwiidha ofiin yoo jettedha. Siyaasani lammummaa sabboonummaa Oromummaa ni faallessa. Tokkummaa Oromoo fi Oromiyaas akka balaa Itoophiyummaatti farraja.  

Siyaasa lammummaa tana galmi. Manni barnoota meeshaa guddaa siyaasa lammummaa ittiin babaldhisan meeshaa guddaa ittiin Oromoo dadhabsiisan ta’uu Bilxiginnaa fi EZEMAn ni beeku. Bara mootummaa ce’umsaa Ministeerri Barnootaa harka ABO Jaal Ibsaa Guutamaa ture, gaafa sana ji’oota muraasa keessatti Qubeedhaan kitaabni barataa maxxanfamtee raabsamte. Saniin dhaloonni jabaan Qubee Generation jedhamu uumame. Bara Bilxiginnaa ammoo EZEMAtu Ministeera Barnootaa harkaa qaba, warra Qubee Afaan Oromoo jibban. Amma haajaan Ministeera Barnootaa barnoota seenaa Oromoo isa sirrii barsiisuu odoo hin taane galmi guddoon isaanii tarsimoo ittiin Oromoo dadhabsiisan ta’uu tilmaamuun hin ulfaatu. Oromoo fi Oromiyaa diiguu irratti Bilxiginnaa fi EZEMAn tumsa ideology waliif qabu jechuudha.

Abiy Ahmed berhanu Nega

Lolli mallattoolee Oromummaa dhabamsiisuu duruu eegale. Akka fakkeenyaatti, waggaa shanan darban kana keessa akka Oromiyaatti aasxaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessaa, loogoo biirolee naannoo Oromiyaa keessaa odaa dhabamsiisaa jiru. Heeraa Naannoo Oromiyaa utuu hin fooyyessiin dhoksaadhumatti biiroleedhaan loogoo haarawa kan mallattoo odaa ofirraa hin qabne tolfadhaa jedhanii ajajan. Sun raawwataa jira. Asxaa Biiroo Barnoota Oromiyaa (BBO) ilaalaa, kan Komunikeeshinii Oromiyaa ilaalaa. Odaa irraa buqqisaniiru. Suutuma suutaan waan foolii Oromummaa qabdu ni diigu. Akka EZEMA fi Bilxiginnaan jedhanitti barnoonni eenyummaa sabaa irraa karaa bilisa ta’een kennamuu qaba jedhu. Bu’uuruma kanaan BBOs mana barnootaa fi kitaaba barataa keessaa foolii Oromummaa haxaayee baasaa jira. Mallattoo odaa kan ofirraa darbaniifis barnoonni Oromiyaa keessatti kennamu Oromummaa irraa karaa bilisa ta’een akka kennamuufi. Mee waan kana xiqquma yaadaa. Barnoonni aadaa, seenaa, eenyummaa fi duudhaa abbaa qee’ee awwaaluun barsiifamu barnoota gabrummaati malee maal jedhamaree? Eenyummaa warri aangoorra jiru ofii barbaadan sammuu daa’immanii irratti fe’aa jiru. Galmi isaa Oromummaa mataa ijoollee keessaa baasuun Oromummaa dadhabsiisuudha jechuudha.

Sababa imaammata Oromoo diiguu kanaan jijjirramni bara 2018 qabsoo Oromoon dhufes Oromiyaa keessatti butame. Walganuunis Oromiyaa keessatti baruma 2018 gara dhumaa Abiyyiin eegale. Abiyyis imaammata isaa galmaan gahuuf Oromiyaa keessatti Qeerroo fi uummata baldhaa jijjiirama fidan irratti waraana hidhaa fi ajjeechaa labse. Imaammata fixinsaa san “seelii diinaa qulqulleessuu” jedhanii waamu. Sababa kanaan ilmaan Oromoo kumaatamaan mana hidhaatti jumlaan guuramaniiru, hidhaa baafamiis dhoksaa fi adda baabayii irratti rashanamaniiru. Reeffa Mohammad Amiin kan magaala Hararii qabamee ajjeefamee Baabbileetti waaraabessi nyaatee kaasee hanga Amaanuel Wandimmuu mucaa wagga 17 adda baabayii magaala Dambi Doollootti uummata yaasanii ajjeesanii fannisanii kaasee hanga Galaanaa Immaanaa gaggeessaa Qeerroo naannawa Amboo qabanii hidhanii hidhaa baasanii ajjeesanii qarqara laga Daabbisitti gatani. Hacaaluu Hundeessaa ajjeesanii awwaalcha sirnaallee dhorkani. Abbootii Gadaa Oromoo Karrayyuu jumlaan guyyaa saafaa rashanani saba salphisani. Ajjeechaan Battee Urgeessaa wagga hin guunne. Oromoo jiraatti gubanii agarsiisani. Baruma bulchiinsa Abiyyi keessa morma namaa muranii videon agarsiisani. Qe’ee Oromoo qonaann bulaa ameessa waliin gubani video agarsiisani. Qorannoon hin jiru. Ittigaafatamni hin jiru. Amaluma state terrorism ykn waraana xuraa’aatuu kana. 

Duulli Oromoo irraa qaroo ajjeesuun, kaan dantaa dhuunfaa maallaqaa fi dachiin qabuun, Oromoo cabsuutti gadi taa’ani. Komaandi poostiin Oromiyaa irratti baruma 2019 labsamtes qaamuma humnaan jilbeeffachiisuuti. Oromoo diiganii akka bulchiinsa isaaniif tolutti facaasuun imaammata Bilxiginnaati. Duulli Bilxiginnaan Oromiyaa irratti eegale suutuma suutaan Tigraayi gahe. Waliigaltee Pretoria as ammoo Naannoon Amaaraa rakkoo keessa jira. Duulli fi waraanni Oromoo diiguuf Oromiyaa keessatti eegale, amma bakka hunda gubaa jira.     

Kanaafuu, bu’uuruma irraa hundeeffamni Bilxiginnaa seenaa fi seenessa Oromoo, eenyumma Oromoo, fi Oromiyaa diiguufi. Qaroowwan Oromoo kumaatamaan manaa baasanii rashanuun galmi isaa sabicha diiguufi. Waraanni Oromiyaa irratti kan labsameef Bilxiginnaa lafa qabsiisuu fi Oromiyaa fi Oromoo akka sabaatti bittinneessuufi. 

Waraanni gama hundaan Oromoo fi Oromiyaa irratti ganna jaheessoof deemaa jiru uummata Oromoo baldhaa jilbeenfachiisuu fi mootummaa Abiyyi cimsuuf kan karoorfatedha. Ta’us, faallaa kanaa mootummaan Abiyyi ganna jahaa booda mootummaa kufe (failed state) ta’uu addunyaatu ragaadha. Kan itti aanee dhufu, muummee irraa jiguu ta’uu mala. Mootummaan uummata nagayaa irratti waraana labse, waraanaan Oromoo cabsee diiguuf yoo uummata gidirsu dhumni isaa kufaatiidha. Qabsoon Oromoo qabsoo ofbaraaruuti, qabsoo mirga abbaa biyyummaati.

Read more

Walaloo: Du’een bada eega ta’e, Refaat Alareer

Waloo fi proofessarri ogbarruu Palastain, Dr. Refaat Alareer, haleellaa xiyyaaraa Muddee, gaafa 7, 2023 Israa’el haleelteen inniif obboleessi ’saa, akkasumas obboleettiinsaa fi ijoolleenshee afur du’uunsaanii gabaafameera.

Seenaa Elemoo Qilxuu

Elemoon hojii dhuunfaa isaatiin milkaa’uun isaa bara 1966 ija tika Imbaasii Itoophiyaa biyya Yemen jiruu keessa gale.

Fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi artistii Shoo Shibuyaa dhaan irra-deebiin xiinxalame.

Fakkiiwwan artistii fi ogeessi dizaayinii, Shoo Shibuyaa, fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi irratti kaase keessaa muraasa.

Galmee Jechoota Afaan Oromoo – Afaan Ingilizii Siyaasa Ta’e

Dr. Xilahuun Gamtaa: Hayyuu fi barsiisaa jireenya isaa guutuu Afaan Oromoo guddisuu fi gabbisuu irratti hojjate.