16.5 C
Addis Ababa
Tuesday, March 19, 2024

Seenaa Elemoo Qilxuu

Afaan OromooXiinxalaSeenaa Elemoo Qilxuu

Elemoo Qilxuu bara 1936 baha Oromiyaa Harargeetti dhalate. Maqaan dhaloota isaa Hasan Ibrahim yoo ta’u bara 1960 Yemen magaala Adenitti maqaa Oromootni hedduun ittii isa beeku Elemoo Qilxuu fudhate.

elemo qilxuu

Bara ijoollummaa isaa carraa barnootaa idilee waan hin argatiniif barumsa amantaa jalqabe. Barumsa amantaa erga eegalee booda nama dhuunfaa bira hojjachuu eegale. Namni inni bira hojjachaa ture gara Yemen waan godaaneef Elemoonis isuma wajjiin gara Adenitti godaane. Elemoon Adenitti galee hojii dhuunfaa isaa eegalee haadha warraa Ammunee Omaar fudhuun bultii dhaabbate.

Elemoon hojii dhuunfaa isaatiin milkaa’uun isaa bara 1966 ija tika Imbaasii Itoophiyaa biyya Yemen jiruu keessa gale. Sana booda bara 1967, gara Finfinee yeroo dhufu, “Humnoota mootummaa Itoophiyaan morman waliin walitti dhufenya qabda” jedhamee hidhaame. Mana hidhaa keessatti baatiilee hedduuf dararaa fi reebichi irra gahe.

Dararaan Elemoo irra gahe kun jireenya isaa jijjiiruudhaaf sababa ta’e. Sana booda maatiin Elemoo busii buusanii qaamolee mootummaa waraqaa eenyummaa isaa qabataniif laatanii hidhaa irraa akka ba’u taasisan.

Hidhaa irraa erga hiikamee Elemoon jireenya isaa qananiitti deebi’uu hin barbaadne. Maatii fi jiruu dhuunfaa isaa dhiisee bara 1968 Somaaliyaa magaalaa Moqaadishoo dhaqe. Qasaa’ota Oromoo Somaaliyaa turan waliin wal-argee dirqama kaayyoo Oromoo biyyaa Arabaa keessatti ibsuu fudhate.

Elemoo
Idriis Muhaammed, Elemoo Qilxuu, Ismaal Muhammad

Sana booda, gara Yemen deebi’ee waldaa Oromoo bu’uressuun dura taa’aa ta’ee gaggeesse. Itti aansuun Mootummaa Yemen amansiisee waajjira siyaasa bane. Kana booda hojii siyaasaa irratti fuulleffachuun Oromoota Baha Giddugaleessaa jiran dammaqsaa fi ijaaraa mootummoota Yemen, Siriyaa, Iraaqi akkasumas dhaabbata bilisummaa paalastaayin fi Adda Bilisummaa Ertiraa irraa gargaarsa fi deeggarsa gaafachuutti bobba’e.

Waraana Bilisummaa Oromoo

Gargaarsa Mootummaa Iraaqin leenjii loltummaa yeroo jalqabaaf baatii torbaaf leenjisee ajajaa waraanaa Jaarraa Abbaa Gadaatiin hoggansiisee bara 1969 Harargeetti bobbaase. Waraanni kun  gara Harargee osoo imaluu kaaba Somaaliyaatti humnoota mootummaa Somaaliyaatiin walitti bu’anii hedduun wareegamanii Elemoo fi warren hafa hidhaa ganna shanii fi baatii jahaan adabaman.

Elemoon taatee kanaan osoo abdii hin kutin gargaarsa Adda Bilisummaa Ertiraa irraa argameen lola bilisummaa eegale. Walgahii maccaa fi tuulamaa bara 1973 ture irratti qabsaa’ota Oromoo wajjiin wal argee. Walgahiin kun bu’uureffamuu Adda Bilisummaa Oromootiif haala kan mijeesse  ture.

Maddi: Seenaan kun kitaaba Goota Oromiyaa jedhu irraa fudhatame.