14.5 C
Addis Ababa
Saturday, September 7, 2024

Walaloo: Du’een bada eega ta’e, Refaat Alareer

Waloo fi proofessarri ogbarruu Palastain, Dr. Refaat Alareer, haleellaa xiyyaaraa Muddee, gaafa 7, 2023 Israa’el haleelteen inniif obboleessi ’saa, akkasumas obboleettiinsaa fi ijoolleenshee afur du’uunsaanii gabaafameera. Haati warraa saa, Nusayba fi ijoolleensaani lubbuun hafaniiru.

Refaat Alareer (1979-2023.)
Refaat Alareer (1979-2023.)

Dr. Alareer, bara 2007 eegalee Islamic University Gaaza keessatti jaallatama prfoeesara ogbarru fi barreeffama kalaqaa ture. Dr. Alareer, gulaala, barreessaa if qabsaawaa mirga saba Palastain ture. Abdii sabaa turuusaatu himamam. Walaloo “If I must Die” inni barreessee moggaasee, Sadaasa 1, 2023 jalqabee profaila ’saatti maxxnee muldhatu kun waan hedduu mardhumaan nama raasu dha. Anis akka armaa gadiitti afaan Oromootti hiikee, “Du’een bada eega ta’e” Jedhee moggaasuu yaaleera.

Du’een bada eega ta’e
Eega ta’ee kan koo duuti dirqama
Kan kees jiraachuun dirqama
Seenaa kootu naa himama;
Waanan hore gurgurta
Erbee huccuu xinnoo bittaa
Fowaa dheeraa itti dabalta
(Erbee adii sanatti fowaa dheera itt eegesita.)
Mucaan Gaazaa keessa jiraatu
Yeroo qollootti ija miixuu
Deebii abbaa mokota-ibidda keessa bade eeggatu
Kan nagaa hin dhaamiin godaane eenyumattu
Kan kaanii haa hafuu, qaama ‘saattu
Kan hormaa haa hafuu ofi ‘saattu;
Olkaattuu* sana; olkaattuu ati anaaf hojjette
Ol, gara qollootti balaliite
Yeroo muraasaaf maleekaan qolloo keessaa itti muldhatee
Akka fidee dhufu jaalala harkaa fudhate
Kan koo duuti eega ta’ee barana
Abdii haa fidu, gubbaa sanaa
Duuti kan koo haa ta’u seenaa.
****
* Olkaattu = Afaan Ingliziitiin isa “kite” jedhamu sana “olkaattuu” jedheen hiikuu yaale.

Read more

Hormaata Horii

Horiin hin horamu Yookaan tola hin coomu...

Barsiisaan Kana Hinjedhu-ይህን አይልም መምህሩ

"Wangeela kana keessaa Abboommiin saamaa, gonofaa, jedhu eessaa?”

Atis dhuftee, adeeroo?

Haasaa adeeroo fi Hacaaluu Hundeessaa.