14.5 C
Addis Ababa
Saturday, July 27, 2024

Ethiopia: Ethnically motivated attack leaves scores dead in Amhara

Fano militants raided Yikawo, a village inhabited by the Agew minority ethnic group in West Gonder zone of Amhara region.

Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018, Rights Group

Oromia Support Group's (OSG) 66th report says Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018.

Oromo scholars reject PM Abiy’s speech in Naqamte

Oromos for Justice, Security and Truth (O-JUST) rejects Prime Minister Abiy Ahmed’s claim that "The Oromo people have been liberated."

Hormaata Horii

Getting your Trinity Audio player ready...

Horiin hin horamu
Yookaan tola hin coomu
Ijaa kaloo dheedee
Karratti ol arreede
Ijaa roobee, caamee fulbaanni fulbaane
Ganni iddoo gadhiisee, birraanis ol seene
Hawwiin isa horsiisuu mirqaane, banbane
Lakkii, horiin hin horamu
Dooddeessa hin elmamu.
Yookaan tola hin coomuu,
Bari , akka qabaa
“Akka nandha qabaa”!


Waa hedduu barbaada horiin akka horu
Karra keessa ciisu, ciisee alaala guuru
Siicoo cuunfaa nuugii, molaases, furushkaa
Marga jiidhaa fi gogaa, cidii xaafii fi hookaa
Malkaa dhugaatiisaa akkasumas kaloo
Faffatoo ija jirbii, qorichaa fi talaalli, ukkaamsaa boqqolloo;
Beekumsa gaafata, sossobbii fi hooqsaa dhaan akka leenjifamu
Qacceenis garaffii, tasgabbi akka uumu,
Kan didee fincille, leenjisamu qaba akka abboomamu
Dafee akka wal horee karri akka guutamu
Furdatee akka coomuu, coomee akka qalamu
Aannanis mirgeesee, dooddeessa akka elmamu
Obboon abbaa karraa baasii tokko malee horee akka sooromu
Beekumsa gaafata, hormaati horii kun, bar toluma hin horamu.


Eeyyeeni,….
Bari, ni gaafata meeshaa gaafa qalmaa, meeshaa ammayyeessa
Meeshaa kadhaan dhufe, yookaan kan bitame, yookaan kan ergisaa,
Saawwa isa maseene yookaan sangaa isa coomticha,
Goromsa burraaqxu, yookaan tuntunoo dibichaa
Cidhaa fi ayyaana, dhibaayyuu fi waamicha
Jiboolii fi raadolii kan burraaqa hin quufin, yookaanis utaalcha
Burundoo mursiisuuf giiftitii fi goofticha;
Hin qala abbaan karraa, maaltu isa haa daangeessuu?!
Gobocorroon qolloo utuu argee kaakkisuu,
Hin qala abbaan karraa,
Waaqa wayii waamee, galata wayii asaasee
Sooromee badhaadhuuf, hin qala fattaasee.


Mala baayyee beeku dureeyyii abbaan karraa,
Jabbii addaan baasuu harma haadha ’sheerra
Eemmoo haadha hin quufin, xuuxoon harma guusu
haadha ilmoo hin quufin jabbirraa addaan baasu
Boodas… jabbileen guddattee gaanfi yoo biqilu
Ittiin “nawaraantii” jechuun mala malu
Kanaafuu gaanfaatti naannessani riifeensa irraa haadu
Potashi itti dibu gaanfi akka hin margine, akkanni adoodu;
Raadoliif, jibooliin warri ganfa-malee, simboo fi naatoo dhaboon
Warri miiddhaaf saaxilamoon, hamilee fi onnee caboon
Warri meeshaa mulqaman, qeeraatti oofamu, aggachuu dadhaboon.


Kan fardaa fi gaangee dhaaf luugama bixxile
Korma goobee dideef, boorratee fooggale
Saawwa marga quuftee kaloon itti tole
Goromsi firinxiixxee, akka karra hin goole
Funyaan qirqiranii, xiixaa itti uruu male;
Faayyaaf itti akkaata, yeroo funyaan sheetti/saatti lootiin rarraasame
Homaa quba hin qabani lootiin harkisame, meeqaa akka dhabamsiifame.


Hoolota ittiin tiksuuf saroota leenjisu
Garas yeroo deeman garanatti deebisu
Akka butee hin kaannee sardiidaa irraa ittisu
Hoomaan hoolaa kaloo, kan lakkoobsaan kumaa
Tokkittii sareetiin, yeroo hundaa eegamaa;
Oofamu, sussuku, dirqii jilbeenfatu
B’a’a’a’a, bo’o’o’o, be’e’e’e…jechaa jiraatu
Wareeraa, sodaachaa, guyyaa qalmaa eeggatu.


Tuntunoo dibichaa, yookaan kormmi goobee
Meeshaa uumaan kenneef yoom ofirraa dhabe
Eenyuun akka sarbame, maaf akka ofirraa dhabe;
Hin hubanneef malee, utuu hubate ta’e
Gaanfi mataa saa’rraa maaf akka buqqa’e
Huuruu ’saatti lootiin maaf akka rarra’e
Isaan harkifamee, meeqa akka dhume otoo bare ta’ee;
“Natti haa hafu cidii fi ukkaamsaan boqqolloo
Natti haa hafu furushkaan, natti haa hafu faagulloon
Karrii natti haa hafu, koo qeyeen daggalaa
Waanjoo ofirraa buuseen lammii kootti gala,
Hanga guyyaa hardhaatti korma meeqatu dhume
Ameessii fi goromsi morgaa gaa’di’ame
Aannaan gaaniin meeqa keessaa akka elmame
Dagalatti galee gafarsa fi gadamsatti utuun araarame.”
Jedhee yeroonni abbalu
Kurmaanaan sossobu, qalbiisaa takaalu
Silaa…beekee ofii hin malatu, namni isaaf hin malu
Kutatee murteessee, karra’saa caccabse bar caaqaatti galu.


Haadha’rraa addaa bahuun, xuuxoon guddatanii
Xinnoo yoo burraaqan, xiixaa uramanii
Kormummaa akka dhaban cinaan tumamanii
Ayyaana abbaa karraaf qoommoo qoomma’ani
Hortee dabalanii, karrasaa guutani
Teellaa, oolee bulee, haaduu laga qeeraan meeqatu dhumanii?
Jedhee…qorachuu akka hin kaane gaaffilee tarreessaa
Of eeggannoo gudaaa bar nibarbaachisa.


Horiin hin horamu
Horame hin elmamu
Yookaan tola hin coomu
Ijaa kaloo dheedee
Karratti ol arreede
Ijaa roobee, caamee fulbaanni fulbaane
Ganni iddoo gadhiisee, birraanis ol seene
Hawwiin isa horsiisuu mirqaane, banbane
Lakkii, horiin hin horamu
Dooddeessa hin elmamu.
Yookaan tola hin coomuu,
Bari, akka qabaa
“Akka nandha qabaa”!


Read more

Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018, Rights Group

Oromia Support Group's (OSG) 66th report says Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018.

Oromo scholars reject PM Abiy’s speech in Naqamte

Oromos for Justice, Security and Truth (O-JUST) rejects Prime Minister Abiy Ahmed’s claim that "The Oromo people have been liberated."

The Roots We Share

To be Oromo is to have unwavering solidarity with all oppressed people.

The Abiy Project: A conversation with Tom Gardner

Abiy is an idiosyncratic Ethiopian nationalist first.

The resurgence of Oromo culture seen through Kenyan eyes

As we say “It is not yet Uhuru” in Kenya; it is also not yet “Bilisummaa” in Oromia.