Getting your Trinity Audio player ready...
|
“Atis dhuftee, adeeroo?
Guddaa angafa koo.
Qooree jiraa laata
imimmaan saba koo?
Qeerroofi qarreen biyyaa,
maal sitti dhaamanii?
Gumaa koo baasanii?
Siidaa koo dhaabanii?
Gaaffiin Oromoo koo
inni waggaa dheeraa
erga ani deemee
deebii argateeraa?”