21.5 C
Addis Ababa
Wednesday, October 9, 2024

Galmee Jechoota Afaan Oromoo – Afaan Ingilizii Siyaasa Ta’e

Sirni Dargii uummata Oromootiif diinummaa cimaa qaba waan tureef,sirna Dargii keessa akkamitti galmee jechootaa Afaan Oromoo barreessee akkan maxxanse gaaffii namoota baay’eti. Barruu kanaan adeemsa galmee jechoota kana maxxaansu keessatti bu’aa ba’iin keessa darbeen ibsa. 

Galmee barreessuu kanan jalqabe Caamsaa 1,1980. Isaan  dura Galmee jechootaa afaan sadi Afaan Amaaraa- Afaan Oromoo- Afaan Inglizii qabu barreessaa akkan jiru gurra namoota buuse.   Waahiloonni koo Yunivarsiitii Finfinnee yaada kanaan baay’ee gammadan.  Afaan Amaaraa keessa jiraachuun isaa namootni hedduun hawwii gaarii akka naaf godhan taasise.  Kanuma hordofee maqaani fi matadureen hojii kiyyaa barruu Yuniversiitii Finfinnee irratti maxxane. 

Hojii kiyya rakkoo tokko malee xummuruuf,  yaadrimee qorannoo akkan dhiyeessu fi kaffaltii akkasumas sa’aatiin barsiisu akka naaf hir’atu gorfameen ture. Gorsa miccuuwwan koo warra Abisiniyaa biran tare. Hojii Afaan Sadi kana hojjachuu hin barbaanne. 

Oduun hojii afaan sadii kun odeeffamuun isaa naannoo Buree bakkan itti dhaladhee hanga ganna 13 itti guddadhe sodaa humnoota dargii malee socho’u na godhe. Uummata keessa deddeemee akkaataa namootni baadiyyaa afaan Oromoo itti dubbatan yaadachuu danda’eera. Uummatichi dhiibbaa gabrummaa jaarraa tokkoo bira taree afaan isaa itti fufsiisee jira. 

Haaluma kanaan Arsii, Baale, Gaamoo Goofaa, Goojjam, Harar, Kafaa, Shaggar, Sidaamo, Wallaggaa fi Wallo daawwadheera. Ilu Abbaa Booraa, bakka dhaloota koo, Raayyaa, Azaboo fi Waajiraat deemu hin dandeenye. Haata’u malee Wallo Waldiyaan yeroon bule jaarsa Raayyaa wajjiin haasa’een ture. Garaagarummaa loqodaa xiqqoo akka ‘Kaleesha fi Kaleessa’ alatti Afaan Oromootiin salphaadhumatti wal-hubanne. Dhalootni oladeemu afaan Oromoo barachuu fi fayyadamuu akka qabu natti himee nagaa nattii dhaamee deeme. Bara 1972 konfirensiif Keeniyaa deemee carraa Oromoota Keeniyaa jiraatan ilaaluu argadhe. Imala kiyya kana booda Oromoon Oromiyaa fi Keeniyaa jiran  jechoota walfakkaataa akka dubbatan mirkaneesse. Isa booda ololli Afaan Oromoo naannoodha gara naannootti garaagarummaa bal’aa qaba jedhu dhara ta’uun hubadhe.

Galmee jechootaa Afaan Oromoo – Ingilizii kanan barreessuu jalqabe erga tarkaanfii shororkaa diimaan (Qayyi Shibbirii) fudhatamee waggaa sadi booda Caamsaa 1,1980. Shororkaa diimaan nama qaamolee mootummaan morman wajjiin hidhata qaba jedhamee yaadamu hunda galaafate. Dubartootni, ijoolleenii fi ga’eessotni ajjeefamanii konkolaata waraanaa irraa darbatamu. Magaalaa Finfinnee keessa reenfi namaa karaa irra guuteen arge. 

Galmee jechootaa kana kophaa koo barreessuuf sababa laman qaba. Tokkoffaan tarkaanfii mootummaa dargii booda namni hunduu sodaa keessa jira kana malees dargiin duulaa barsiisuu isaa saffisaan itti fufee jira. Duulli barsiisuu kun harka lafa jalaatiin babal’ina Afaan Ingilizii dhaabsisuu qofa osoo hin taane  Afaan Amaaraa sabaa fi sablammii Impaayera Itoophiyaa keessa jiran  irratti fe’uuf karoorfame.

Namni baay’een kan hubate afaanotni Impaayera Itoophiyaa keessa jiran 15(afaanota 80 keessaa) filatamanii duula barsiisuuf oolan jedhee amane. Akka ilaalcha nama afaan qoratuu tokkotti wanti kun olola. Ololli kun akka fudhatama argatu dargiin bakka afaanotni kudhashanan dubbatamanitti barruu afaan Amaaraa akka raabsamu taasise. Qubeen gi’iizi afaanota Kuush barreesuu dadhabuun isaa kufaatii guddaa ture. Uummanni kuush afaan isaanii gi’iiziin barreeffame hubachuu hin dandeenye. Salphumatti uummatni kuush barruu dargiin erge hubachuu hin dandeenye. Qubeen laatinii qubee gi’iizii irraa Afaanota Kuushitti madaquuf mijataadha. Qubee gi’iizi 280 qalbeeffachuun irrra  Qubeen Laatinii 35 qalbeeffachuutu salphata. 

Mormitootni uummata Kuush afaan isaanii qubee gi’iizin barreefamuu isaa mormaniiru. Kaadirootni sirna Dargii sabootni hundi Oromoo miliyoona 30 dabalatee afaan isaanii barachuu irra afaan Amaaraa barachuu filatan jechuun gabaasuu eegalan. Akeekni dubbii kanaa Dargiin imaammata afaan baay’ee dhiisee imaammata  dogoggora ta’e ‘Afaan Amaaraa qofa’ akka labsamu taasise. Akka yaada kiyyaatti kuni carraaqqii saboota biroo aadaa Amaaraa dhaalchisuuf godhame. 

Waanti yaadatamuu qabu warraaqsi Guraandhala 1974 dhohuun dura dhaabbilee barnootaa olaanaa seenuuf afaan Amaraa C’dha ol qabaachuun dirqama ture. Sababa ulaagaa kanaatiin barattootni Amaraa hin taane yuunivarsiitii Finfinnee seenuu hin dandeenye. Barattootni Afaan Amaaraatiin afaan hiikkatan warra afaan biraatiin afaan hiikkatan caala carraa dhaabbilee barnootaa olaanaa seenuu qabu. Erga yuunivarsiitii seenanii boodas danqaan biraa jira.  Yuunivarsiitii keessa turuuf Afaan Amaaraa 101 fi 102 darbuu qabu. Barattootni kana darban ammoo dirqamaan muummee Afaanii kan Afaan Amaaraa akka bartan taasifamu. Barattootni kunneen yoo eebbifaman Afaan Amaaraa barsiisu. Yeroo warraaqsi cimaa turetti barattootni Amaara hin taane ulaagaa Afaan Amaaraa kan mormuun akka haqamu taasisani turan. Kana malees muummeen Afaan Amaaraa akka cufamu taasisanii turan. 

Haa ta’u malee erga aariin barattoota Amaara hin ta’in darbee booda Dargiin muummee Afaan Amaaraa suutamaan deebisee saaqe.  Adeemsi Dargii maqaa muummee “Afaan Amaaraa’’jedhu gara “Afaan Itoophiyaa fi Ogbarruu” jijjiiru ture. Jijjiramni  kan taasifame muummeen afaanota sabaa fi sablammoota akka haammatuuf ture. Garuu muummeen kun afaan sabaafi sablammootaa barsiisuu dhiise Gi’iizi kan bataskaanni Ortodoksii fayyadamtu barsiisuu eegale. Haala kanaan maqaa “Afaan Itoophiyaa fi Ogbarruu” daheeffachuun afaanotni sabaa fi sablammootaa sadarkaa yuunivarsiititti akka hin barsiifamne taasifame. 

Dargiin abjuu isaa afaanota biroo balleessuu yookan akka wallaalaman taasisu dhugoomsuf dhamaatii hedduu godhe. Afaan Amaaraa dhaadhessuuf Afaan Ingiliziitiin manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa, Koolleejjii fi yuunivarsiitii Finifinnee keessatti akka ittiin hin barsiifamne dhorke. Afaan Amaaraa dhaadhessuuf kaadirootni “warraaqsaa” sirnichaa Afaan Ingilizii Afaan Kaappitaalistiiti jechuun duula jalqaban. Yuunivarsiiitii Finfinnee keessatti koreen Saayinsii fi Teekinoloojii gara Afaan Amaaratti hiikuu qarshii guddaan ramadameefi hundaa’e. Kaadireen yeroon ani “Wanti kun xinnoo hin baayyaanee” jedhu na dhaga’e, “Ati nama Ingilizii, Itoophiyawwii gaarii miti” naan jedhe. 

Karoorri kuni hunduu Afaan Amaaraa dhaadhessuun afaan sabaafi sablammootaa balleesudha. Kanas tooftaa sirnichi fayyadamu irraa salphumattan hubadhe. Baay’een jibbe. Afaan Oromoo dhiibbaa kana keessa ni darba jedhee hin yaadne. Wanti walloo irratti ta’e Oromiyaa mara waliin gahuuf deema natti fakkaate. Kanaaf, maallaqa dhabus, fedhii fi kutannoo nan qaba, Afaan Oromoo akka hin wallaalamneef seerluga isaa waraqaa irratti katabuuf murteeffadhe. 

Galmee jechootaa kana barreessuuf sababni koo inni lammataa barattootni Oromoo beekumsa seerluga Afaan Ingilizii akka gabbifatan gochuu fi afaan isaanii barreeffame akka argan taasisuudha. Akkuma galmee jechootaa irratti eerame, namootni Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziin afaan hiikkatan carraan wal arguu hin qaban waan ta’eef galmeen jechootaa baay’ee barbaachisaadha. Barsiisotni afaanii galmee jechootaa afaan lamaa barsiisuuf itti fayyadamuu baatanis qoru,qooru fi qorruun Afaan Ingiliziitiin maal akka ta’e barsiisuun miidhaa hin qabu. 

Afaan Oromoo mallattoo kam fayyadamee barreessu kan jedhuuf filannoo laman qaba ture. Filannoon tokko mallattoo 33 kan sagalee Afaan Oromoo 33 bakka bu’uu danda’u uumudha. Isa kana yeroof itti yaadee dhugoomuu hin danda’u waan ta’eef nan dhiise. Filannoon lammataa sirna barreeffamaa madaquu danda’u madaqsuudha. Ammas qubee Afaan Amaaraa , qubee Laatinii fi qubee sagalee idil addunyaa keessaa  Afaan Oromoo  qubee laatiniitin barreessuf murteesse.

Haaluma walfakkaatun bara 1970 keessa murteen akkasii murtaa’e ture. Hayyuuleen Oromoo Awurooppaa jiran 1973 kitaaba seerluga Afaan Oromoo mata duree Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo:Beekumsi durii jireenya har’aatiif akka oolu jedhu maxxansiisaniiru. Akkuma kitaaba fuula 139  kana irraa hubatamu hayyuuwwan kunneen adeemsa qubee madaqsuu xumuruuf waan xinnaatu isaan hafe. Sagalee gabaaba fi dheeraa kan akka busa/buusaa dubbachiistuu fayyadamuun agarsiisaniiru. Kana malees sagalee jabaa fi laafaa akka  badaa/baddaa agarsiisanii turan. Nutis bara kana akkasuma goona. Wanti adda ta’e yoo jiraate amma qubee dachaa dh,ch,ny,sh,ph fayyadamuu keenya. Kanaaf amma Afaan Oromoo kompiitara qubee laatinii fi lakkoofsa qabu fayyadamuun barreessuun ni danda’ama. Mormii warra Abisiniyaa irra aanuun qubee laatinii qubee Afaan Oromoo ittiin barraa’u ta’ee jira.

Kutaa Lammaffaan Torban itti fufa. 

Read more

Fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi artistii Shoo Shibuyaa dhaan irra-deebiin xiinxalame.

Fakkiiwwan artistii fi ogeessi dizaayinii, Shoo Shibuyaa, fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi irratti kaase keessaa muraasa.