skip to the main content

Fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi artistii Shoo Shibuyaa dhaan irra-deebiin xiinxalame.

By Amantii Bonjaa

Fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi artistii Shoo Shibuyaa dhaan irra-deebiin xiinxalame.

Oduu Cufamiinsa Magaalotaa: Fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi (kan Artistii Shoo Shibuyaa dhaan irra-deebiin xiinxalame) – fakkiiwwan garaagarummaa ‘dhiphina waan oduu irraa dhagahamuun uumamuu’ fi tasgabbii samii irratti mul’atu jidduu jiru agarsiisan.

Fakkiiwwan artistii fi ogeessi dizaayinii, Shoo Shibuyaa, fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi irratti kaase keessaa muraasa.

Suuraa: Shoo Shibuyaa, yeroo Niw Yoorki si’a jalqabaaf sababa dhibee koronaatiin cufamte sanatti – bara 2020, ji’a Eblaa keessa. Shoo Shibuyaan kutaa magaalaa Niw Yoorki kan taate, Biruukliinitti, mana jireenya isaa keessatti kophoomee of arge. “Sagaleen konkolaataa fi wacni duraan alaa dhagahamu suni baduudhaan, sagalee simbiraa fi bubbee muka irraa sirbaniitiin geeddaramuu isaatin hubadhe. Ol jedheen samii ilaale; rifaatuun magaalaa keessatti uumamaa ture akkuma jirutti ta’ee, samiin ammallee akkuma yeroo hundaa sanitti bareedee jiraachuu isaan arge.”

Guyyaa hundumaa, fuula duraa gaazexaa Niw Yoorki Taayimsi gubbaatti fakkii biiftuu ganamaa kaasuu eegale – garaagarummaa ‘dhiphina waan oduu irraa dhagahamuun uumamuu’ fi tasgabbii samii irratti mul’atu jidduu jiru agarsiisuudhaaf. Akkuma barri 2020 deemaa dhufeen, dhimmoota akka filannoo biyyoolessaa biyya Ameerikaa, mormii ‘Black Lives Matter’ (isa mirga lammiilee gurraachota Ameerikaa irratti xiyyeeffatu), fi dhimmoota biroos hojii irra-deebiin xiinxaluu keessatti hammachiisuu eegale. ‘Akkami waan hojjettu kuni boqonnaa sammuu siif laateeraa?’ gaaffii jedhuuf, akkas jechuun deebise Shoo Shibuyaan: “Hojiin kuni sammuu koof akka hafuura qabbanaati. Waan fedhe addunyaa kana keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’ellee, samiin kuni yeroo hundaa akkuma bareedetti jiraata.”

Maxxansoota ‘Biiftuu Ganamaa – Foddaa Xiqqoo Keessaan’ jedhaman irraa
Maxxansoota ‘Biiftuu Ganamaa – Foddaa Xiqqoo Keessaan’ jedhaman irraa
Balaawwan ibiddaa Kaalifoorniyaatti muudatan
Maxxansoota ‘Biiftuu Ganamaa – Foddaa Xiqqoo Keessaan’ jedhaman irraa
Filadhaa! (hojii Paatii Ismiiz waliin ta’uun hojjetame)
Joo Baayidan filannoo injifate
Rudolph Giuliani
Trump kongrasii irratti fincila kakaase
Maxxansoota ‘Biiftuu Ganamaa – Foddaa Xiqqoo Keessaan’ jedhaman irraa

About the Author Amantii Bonjaa
Amantii Bonjaa is an Afaan Oromoo translator based in the US. Follow him @amentianist on Twitter.

We need your support

We trust you found something of value in this article. If so, we kindly ask you to consider helping Curate Oromia continue its work.

If you believe in the importance of independent voices and honest reporting, we invite you to support our efforts through our GoFundMe campaign.

Every contribution, however small, goes directly to our writers and the expansion of our reach.

Thank you for your support.

Support us on GoFundMe