16.5 C
Addis Ababa
Thursday, March 28, 2024

Qabsoon onnee keessatti: waloowwan humnoota nageenyaa Maayinaamaariitiin lakkoofsi isaani hir’ate

Afaan OromooOduuQabsoon onnee keessatti: waloowwan humnoota nageenyaa Maayinaamaariitiin lakkoofsi isaani hir'ate

Waloon lammii Maayinaamaar, Khet Thi erga fonqolcha mootummaa as waloo sadaffaa waraanaan ajjeefamedha. Jechoonni isaa murannoo ummanni Maayinaamaar gara jabeenya waraana biyyattiirratti qabu mul’isa. “Mataatti nu dhukaasu, qabsoo keenya garuu onnee keenya keessa akka jiru hin hubanne.”

Waloo Khet Thi mana jireenyaasaa Shwebo, naannoo Sagaing’tti argamuu fudhatame. Ajjeechaasaa booda haati warraasaa hospitaalaa reeffasaa fuuteetti, ta’us garuu kutaaleen qaamaasaa fudhataniiru.

Myanmar poet Khet Thi.
Waloon lammii Maayinaamaar Khet Thi. Irrawaddy News.

Waraanni mootummaa ji’oottan darban keessatti barreessitoonni yookiin namoonni beekamoo ummata biratti fudhatama qaban akka sochii ummataa gama adda addaatiin akka hin taasifne dhorkuuf yaalii godhee ture.

“Walalloo fi jajjabinni mootummaa abbaa irreedhaaf akka summii jabaati,” jedhe Ko Ko Thett, waloo, artistii fi hojii afaan hiikuu kan hojjatu fi biyya Ingliizi jiraatu.

Akka dhaabbata Waldaa Barreessitoota Addunyaa, ‘PEN International’ jedhutti barreessitoonnii fi waloon 32 hidhamaniiru. Isaan kaan ammoo hariira mormiirratti humoota waraanaan miidhaan irra gaheera.

Waloon lama – K Za Win fi Myint Myint Zin Bitootessa darbe hariira mormiirratti waraanni itti dhukaasee ajjeeseera.

Namni siyaasaa, tola oolaa fi waloo U Sein, namoota hin beekkamneen konkolaataa keessa osoo jiru ibiddi itti qabamee ajjeefameera. Innis waloo dhiheenyatti ajjeefaman keessaa isa afraffaadha.

Myanmar soldiers walk along a street during a protest against the military coup in Yangon

Aartiin walaloo Maayinaamaar siyaasaan haalan laaqameera. Waloon diddaa kolonii Ingilizii fi sirnoota waraanaa asiin dura biyyatti keessa ture ibsachuuf walalootti fayyadamu. Waloon kunneenis ummata kakaasuu fi waa’ee hojiisaanii mari’achuuf manneen shaayitti wal gahu turan. Isaanis haleellaa waraanaa jalaa bahuuf koodiidhaan (code language) waliin mari’atu turan.

Filannoo seena qabeessa kan bara 2015’n Aang San Suu Kii’n ‘National League for Democracy’ dhaaf filataman irratti namoota kaadhimaman keessaa waloon 11 teessoo argataniiru. Mootummaa Aang San Suu Kii jalatti bilisaan yaada ofii ibsachuuf hanqinni jiraatus walaleessitoonni garuu yaadasaanii rakkoo tokko malee barreessanii maxxansu turan.

Protesters with placards showing the image of detained Myanmar civilian leader Aung San Suu Kyi sit along a street before holding a candlelight vigil during a demonstration against the military coup in Yangon

Waloo Khet Thi hojiisaa injineeringii dhiisee guutummatti gara walaloo fuulasaa kan naannesse bara 2015 ture. Innis keekii fi aayis kiriim fa’a gurguraa ture kan of gargaaraa ture.

Bakki dhalootasaa magaalaa Paalee, Monywa keessatti yoo ta’u, haatii fi abbaansaa gurgurtaa zayita ocholooni irratti kan boba’an turan. Waloo Khet walaloo barreessuu kan jalqabe yeroo mana barnootaa turettidha. “Walaloon inni barreessu onneesaarraa kan madde waan ta’eef baay’ee adda ture,” jedhe hiriyyaan dhihoosaa.

Erga fonqolcha mootummaati akka wal hin argine kan himu hiriyyaansaa sodaa mootummaa na hordafa ta’a jedhuu gama bilbilaatiin waa’ee siyaasaa hin haasa’an turan. Waloon hedduunsaanii sodaa nageenyaarraa kan ka’e dhokatanii turan jedhe hiriyyaansaa kun.

“Khet Thi namoota hunda ija tokkoon ilaalan qofa waliin ture hiriyyoomuu kan barbaadu. Nama jabaa yaada jabaa qabuu fi murannoo qabu ture,” jedha hiriyyaansaa kun.

Akka waloon Ko Ko Thett jedhutu namani wa’ee ajjeechaa jumlaa Gu Dar Pyin bara 2017 waloo Khet Thi qofadha. Waa’ee ummata Roohingaa dhibbaatamaan humnoota nageenyaan ajjeefamanii fi bakka tokkotti awwaalaman haasa’uu rakkoo keessa nama galcha ture.

Fonqolcha mootummaa dura walaloosaa maxxansee raabsa ture, yeroo dhihoo asitti garuu walaloonsaa bal’innaan Feesbuukiirratti maxxanfamu.

Haasa’aa hiriira mormii Bitootessa 27, 2021 irratti taasiseen mormitoonni hundinuu badhaafamtoota Badhaasa Noobelii Nageenyaati jechuu dubbatee ture.

“Aangoon kan eenyuti?” jechuu sagalee guddistuudhaan namoota hiriirarratti argaman gaafatee ture. “Kan ummataati” jechuu deebisaniif hiriirtonnis.

K Za Win, waloo mormitu mootummaati, innis hiriira mormiirratti hirmaachuun injifannoo paartii biyya bulchu mormaa ture. Innis Letpadaung naannoo Monywa’tti dhiyaatutti guddatte. K Za Win, waa’ee mirga abbaa lafummaa maatiisaa kan laftisaan dhaabba biyya Chaayinaa albuudarratti hojjatuu fi kan waraana biyyatiitiin deeggaramuun jalaa fudhatame dubbata ture.

Akka Ko Ko Thett jedhutti K Za Win moloksee amantaa Budiizimii ture. Mootummaa waraanan bulchu biratti beekamti guddaa hin argatu jedhee waan amaneef moloksummaasaa itti dhiise.

Bara 2015’tti riiformii gama barnootaan akka dhufuuf hariira mormii taasifamerratti argamuuf waggaa tokkoo oliif hidhameera. Erga hidhaa gad dhiifame booda hojiisaa namoota heddu biratti beekkame ‘My Reply to Ramon’ jedhu maxxanseera.

Du’asaa dura K Za Win akkas jechuun Feesbuukiirratti maxxanseera: “Isin irraa yaada adda ta’e qabaadhus lubbuu kiyya garuu isiniif kenna.” Myint Myint Zin fi K Za Win namoota hariirsa mormii Bitootessa 3, 2021 taasifamerratti ajjeefaman keessaati.

Walaleessitoonni miira ummataa walaloo ajaa’ibaatiin ibsaniiru jedhu Jaappanitti Piroofeesara kan ta’an Meeyi.

“Qabsoo keenya fedhii ummataarratti kan hundaa’edha, kanaaf namoota sagalee nuu ta’an nu barbaachisa.”

Akka Ko Ko Khett jedhu Afaan Burmaa walaloodhaaf qooqa mijataadha. “sagalee gurraaf toluu fi yeedaloo bareedadhaan kan badhaadhedha. Jechoonni hedduu kan garee mootummaas ta’ee mormituu kan waliin deemaniidha.”

Jechoonni Khet Thi walaloodhaaf fayyadu qabuu kan ajaa’ibaati. Akka garee mirga dhala namaatti humnoonni nageenya erga fonqolcha mootummaati as namoota 790 ajjeesaniiru, mormitoota, namoota karaarra dhaabbatanii fi ijoollee.

Namoonni kumaatamaan laakka’aman hidhamaniiru, isaanis iddoo hin beekaman geeffamaniiru. Namoonni kunneen dararaa adda addaatiif akka saaxilamanis ni gabaafama.

“Namoota heddu biyyattii keessa jiraniif walaloon ‘gaddaa kiyyaan siifillee gadda’ kan jedhu kan waloo ilma qabsaa’aa A Phaw Khaing’n barreeffame jireenya guyyuu ta’eera. Namoonni miiraasaanii ibsachuu hin dandeenye walaloodhaan ibsatu jedha.

Namoonni hedduun Khet Thi walaloo inni waa’ee dhiibbaa waraanni geessisu barreessee kan: “lafa jalatti nu awwaaluuf hedduu yaaltu, garuu akka nuti sanyii taane hin beektan” jedhuun yaadatuuni.

Maddi: The Guardian