Press "Enter" to skip to content
Ustaaz, Jaal Kamaal Heebboo.

Jaal Kamaal Heebboon Qabsoo keesatti wareegame

Waggaa tokko dura hogganaa qabsoo Oromoo tokko waliin haasa’aa ture. Yeroo sanatti jaarsoliin Baalee irraa gara bakka jirrutti imalaa turan waan turaniif hogganaan kun akkan isaan waliin haasa’u baay’ee barbaada ture. Maaliif akkan isaan waliin haasa’u barbaadu naaf hin galle, kun namoota yeroo dheeraaf qabsoo keessa turan, ani dargaggoo dha. Jechuun kiyya, jechi kiyya hagas mara maaluma isaan fayyada jedheetin uf gafaachaa ture. Garuu, tole jedheen, guyyaan wal arginu dhufe. Guyyaa sanis waanuman jedhu jedheen, achitti dhiisne. Hogganaan jaarsolii kana waliin akkan wal qunnamsiisu barbaadu; dhuguma akeeka isaa akkan hin hubanne hubate, garuu achitti dhiise.

Amma gara torban tokko dura yoo dhufne, hirriyaan kiyya kan biyya jiru waayee mootummaa ce’eumsaa 1991 kaasee, lolli qabsaa’ota keenna gidduu kan eegale, kan namni baayyee keessatti du’e natti kaasee. “Kanaaf, kan hardha llee Arsii fi Baalee keessatti hardha WBO jabeessuun kan laafe”, naan jedhe. Yaadni hogganni sun yeroo san natti kaase amma sirriitti naaf gale. Seenaa kanas yo hanga wa’ii beekee ture, dhaloota har’aa kana keessatti waanan qabsoo keessa hirmaadheef, dhiibbaan seenaa kanaa naaf hin galle. Wareegama Jaal Kamaal Heebboo irraa garuu, dhiibbaan seenaa kanaa naaf galee jira.

 WBO kan hardhaa, kan yeroo wal ajjeesuun sun ta’aa ture waliin tokko miti.

Nu akka sabaatti, yoo tokkumma keenna dhabne, yaadaa bilisuumaa dhiisuus dandeenna. Tokummaa keenna eeguun madaan kan durii akka carraa hardhaa hin diigne eeggachuudha. Madaan immoo yoo hin fayyine, irraa deebi’ee dhiiga, dhiigni sun du’as fiduu danda’a. Madaan wa’ii fayyuuf immoo, dhiifama waliif gochuutu barbaachisa. Kan ani qulqulleessee jedhuu barbaadu, waraanni Bilisuummaa Oromoo kan hardhaa, kan yeroo wal ajjeesuun sun ta’aa ture waliin tokko miti. Jaallan kan yeroo sanii, Jaallan kan hardhaa waliin tokko miti. Namaan madaa kee dagadhu jechuun illee hin danda’amu. Garuu, kan gaafatuun danda’amu, waggaa dhibbaa oliif roorroo jalatti du’aa otuu jirruu hardha qabsoon keenna carraa kanarra ga’e. Yoo ofiif illee hin taane, dhaloota keenna dhufuuf jennee qabsoo fi tokkummaa keenna jabeessuun nurra hin jiru? Madaa ufitti qabnee, gad lakkissuu didnee, gara wanta amma argaa jirru nu fiduun isaa, madaa san gadi lakkisuun hin wayyuu? Ilaalchi kan ‘Jaal Kamaal Heeboo jaala isaatu ajjeese’ jedhu dhiiga madaa durii dha, qabsoo keenna illee ajjeesuu danda’a.

Jaal Kamal Heebboo’n qabsoo keessatti wareegame; osoo kilaashii reeffa diinaarraa guuruu dhahame. Lolli 11/06/2022 kibba bahaa godina Arsii Bahaa fi Baalee keessa socho’u, cibraan Madda Walaabuu fi cibraan Hambaa Aanolee, buttaan J/Waaqoo Guutuu fi buttaan Leenjisoo Diigaa godina Arsii aanaa Shirkaatti humna diinaa waliin lola keessa turan. Lolli guyyaa lammaffaan itti fufee, kan guyyaa 12/06/2022, sa’aa 5:00am hanga 6:20 lolli itti fufee, Jaal Kamaal Heebboon lola booda osoo kilaashii guuruu dhahamee wareegame. Kana dhugaan. Wareegama isaa dhageennerra; gaddaa jirra. Garuu, jaalaln hedduu guyyaa guyyyaan wareegamaa jiran, qabsoo kana keessatti. Jaal Kamaal Heebboon irbuu fudhatee irbuu sanarra osoo jiraataa jiru wareegame.

Screenshot 2022 07 06 at 14.11.25

Jaal Gammachuu Aboyyee, Itti aanaa Ajaajaa waliigalaa aana Warana Bilisuumaa Oromoo, bilbilaan haasofsiise, dhamsi isa kana:

“Warannii Bilisummaa Oromoo namusa qaba. Yoo waan kayyoo faalessu dalagde, seeratu jira, seera sanaan gaafatamta. Akkanumaan nama ajjeesun shifta ta’uu dha. Waraanii Bilisummaa Oromoo shifta miti, aadaa qaba, seeraa qaba, akkataa nama itti sirreesu qaba, yoo sun hin jiraatiin namni waliin jiraatu hin danda’uu. Nu seera ittin bullu kan ittin oollu qabna. Seera kan dirre lola ni jira, kan namusa adaba ni jira, safutu jira. Fakeenyaaf, seera ala nama hin ajjeesini, seera ala namatti hin roorrisin, gocha ummatatti roorrifamu, hin godhini, yoo goote adabbiin kee kanaaf kana jedhama. Kaayyoo naamusa qabna. Kan  boji’ame, hin hiraarsiin. Ummata hin mufachiisin. Waan hedduu qaba. Waraana Bilisummaa Oromoo ammaa keessatti yadaan rakkoo furra. Amma yoo seera jala taa’et, badiin kee ilaalame, yookan bilisa baata yoo kan, gara wal-arsuu deemuu dha. Heeraa keesatti wal loluun fi wal arabsuun dhorgaa dha .

Yoo wal dhaban, nama san addaan baaftee gaafatta, yoo walii galu dadhaban, nama sadaffaatu hirmaata. Hoggana birayyu hin ga’uu, miseensootumatu wanta kana geggeessa. Warra akkanatti heera qabu, warra akkaniti namusa qabu, Jaala kan guddatee ummata damaqsa ture, kan qawwee malee bilisummaan hin jiru jedhe lalabbuu, ijoolleen namaa faruun jajjabeessuun, waan guddaa dalage. Amantaas qabaatee, nu birattii amantaa qabachuun rakkoon hin jiru. Seeraan kan dhorga ta’ee amaantii kiyyaa tu siiri dha kiyyaa fudhadhaan maale, amantaan rakkoon hin jiru. Yeeroon sooma hin eegama, sooma’ra dadhabuun, wanta akkasi, hin eggaatama, nyaataf dhugaatin hin kennama. Nu warra akkanaati.

Namni dhugaaf jiru wanta kanatti hin amanu. Diinatu wanta kanatti amana. Mootummaa dadhabdee jirti. Harargeef kibba baha harkaa qabna jedhanii, kibba baha dhabu jirra, nurraa fudhatuu jiranii (Waraana Bilisummaa Oromotu fudhataa jira, jechuudha) akkamitti laaffinna isaani fayyadamne diigna hojii kan hojaata jiran. Kamal jechun, nama irbuu waliin seenne, safu qabna, nu obboleessa keenna, hadha keenna, abba keenma caalaa Jaala keenna jaalannu. Diinatu wanta kana godhaa jira, ummatatti hiimaa, wanta akkana lallabuun hojii diinatii. Diinagdee keesatti wanti gudda kan carra hardha irra nu geesse, meeshaa diinarra hiiku dha. Guyyaa tokkoffa, lollaa guddaa tu ture, waan baayyeetu ture lolla san keesatti, guyyaa lamaffa irratti osoo diinarra kilaashii hiiku, wareegamee. Kun waan jiru dha,  goota Oromootu wareegame. Waraannii Bilisummaa Oromoo abadan wanti gargar baasuu danda’uu tokko hin jiru.

Soba liqimsitanii, madaa durii keessan dhiigsitanii diina keessan hin gammachiisiinaa, yaa Oromoo.

Diinonni keenna kan barbaadan, tokkummaan keenna akka bittinnaa’u. Soba liqimsitanii, madaa durii keessan dhiigsitanii diina keessan hin gammachiisiinaa, yaa Oromoo. Madaa durii kana fayyina isaaf, kara marii siyaas’aa barbaaduun yoo barbaaciise haalatu jira; yerootu jira. Haalli fi yeroon kan itti adeemama jira garuu, qabsoo keenna cacabsuu danda’a, kana beeka. Jechaa Waaqoo Guutuu, kan “gabrummaa ni buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddisna” jedhamu nan yaadadha.

Ilaa kaa, itti guddistan; jirra; hirmaanne.  Nu immoo, ilmaan itti guddisuu hin barbaannu; dhaloota keennaan fixnee buqqisuu barbaanna; madaa durii kana, kan dhugaa namatti dhaga’amu, bara baraaf illee nama aarsuu danda’u; nuuf jedhaa, ilmaan keessaniif gaddi lakkisaa. Warri dhaloota hardhaa, kan dhiigni madaa durii kun isinirratti dhiige, dhuguma haalaa fi yeroo keenna ilaalaa, yaadaa fi jecha keessan eeggadhaa.

Wal malee homa hin qabnu.

Injifannoon kan ummata Oromoo ti!