Press "Enter" to skip to content

Karrayyuuf Eenyutu Sagalee ta’a?

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhugaa hundinu baatiileef beeku, Muddee darbe humnoonni nageenyaa Oromiyaa miseensota Gadaa Karrayyuu heddu ajjeesu isaani Guraandhala 2, 2022, mirkaneesse. Hawaasa horsiisee bulaa Kadhaa Waaqaaf walitti qabame,humnoonni addaa namoota 39 ukkaamsanii isaan keessa 14 ajjeesan.

Ajjeechaa kana booda aanga’ootni Naannoo Oromiyaa ajjeechaa jumlaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo raawwate jedhee himate. Haa ta’u malee aktivistoota, namoota ijaan argan fi waldaan Abbootii Gadaa quba isaanii gara mootummaa fi Humna Addaa Oromiyaatti qaban. Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatin taateen kun “Ajjeechaa jumlaa, dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuuf karoorfamee humnoota mootummaa Paartii Badhaadhinaatin raawwatamedha” jechuun ibse.

Ethiopia Karrayyu jpg

Baatii Amajjii keessa aanga’ootni paartii biyya bulchuu lama humnoota nageenyaa Oromiyaa itti gaafatamaa godhanii turan. Deetaan Ministira Nageenyaa Taayyee Danda’aa fi miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa Hangaasaa Ibraahim yaada ibsan, Pirezidaantii Oromiyaa Shimallis Abdiisaa malaanmaltummaa fi hokkora jiru keessatti hoggansa kennuuf gahumsa hin qabu jechuun qeeqaniiru. Ji’a Guraandhalaa keessa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa abbootii gaddafi eenyu akka itti gaafatamu godhe.

Ajjeechaa suukkanneessaan Muddee keessa Karrayyuu irratti raawwatame yeroo mootummaan diinni Finfinneetti dhiyaate jedhe sodaachaa turetti. kanaafis, aanga’ootni mootummaa lammiilee Itoophiyaa humna qaban hunda waraana hidhattoota naannoo Tigraay fi Oromoo waliin godhamu irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessanii turan. Abbootiin Gadaa Karrayyuus aadaa waldhabdee uumame karaa nagaan hiikuu qaban bu’ureeffachuun waamicha kana mormanii turan. Walabummaa isaanii tilmaama keessa galchuun, aanga’ootni Finfinnee jiran hidhattootni imala gara Finfinnee godhaniif lafa Karrayyuu karaatti akka hin taasifne sodaatanii turan.

Haala kanaani namootni 14, ukkaamfamanii kan ajjeefaman. Akka miseensa Karrayyuu tokkotti, hunda isaanii nan beeka. Isaan keessaa tokko Abbaa Gadaa Kadiroo Hawaas Booruu turan. Muraasni isaani oollaa fi hiriyyoota akkasumas maatii koo turan.Dargaggoota  ajjeefaman ammoo waliin guddanne. Jiiloo Buraayyuu Hawaas,  ilma eessuma koo, gorsaa fi hiriyyaa koo ture. Dursa  gadhiifame ture, irra deebiin hidhame dararameera, reeffi isaas Muddee 10 bakka kosiin itti gatamutti argame. Hundi isaani akka mana kitaabaa jiraataatti kabajamoo turan. Eegdoota beekumsa sirna Gadaa turan, akkasumas waa’ee beekumsa qoricha biqiltuurraa tolfamu dhalootaan darbe irratti gaheessoota turan.

Karraayyuutti Maaltu Balaa ta’e?

Karrayyuu hawaasa of danda’aa lakkoofsan 101,000 ta’u. Baay’inaan Naannoo Oromiyaa holqa Awaash keessatti kan argaman yoo ta’u, Karrayyuun horsiisee bultoota Gaala fi loon horsiisuun haala jireenya isaani dhalootaan eegaa jiraatani. Gosoota Oromoo sirna Gadaatti fayyadamaa jiran keessa isaan tokko yoo ta’an, baay’een isaani Waaqefannaa ykn amantaa Oromoo hordofu.

Aadaan Karrayyuu akka baduuf yeroo dheeraaf yaaliin adda addaa irratti godhamaa turuus, akkasumas mootummoota darbaa dhufaan lafti margaa isaani irraa fudhatamuus, Karrayyuun garuu aadaa isaani eeguu danda’aniiru. Fakkeenyaan mootummaan Haayilasillaasee bara 1950 keessa misooma sukkaara Matahaaraa hundeessu fi itti aansee ammo bara 1960 keessa paarkii biyyaaleessaa Awaash wayita hundeessu Karrayyuun bakka waaqeffannaa fi awwaalcha dabalatee lafa hektaara 90,000 dhabaniiru. Ergasii Karrayyuun lafa 60% ol qubannaa weerartoota, pirojeektoota misooma fi  hojiilee eegumsa misoomaatin bobbaa marga dheedichaa  fi bishaanii jalaa cufaniin dhabee jira.

Sagantaaleen kunneen hawaasa Karrayyuu hin fayyadne. Bara 1972, wayita warshaan Sukkaara Matahaaraa eebbifamu jaarsoliin biyyaa mormii dhageessisu isaani hordofee Haayilasillaaseen carraa hojii, tajaajila fayyaa fi barnoota kennuuf waadaa gale ture. Haata’u malee kun gonkumaa hojiirra hin oolle.Haala kanaan,  pirojeektootni kunneen humna namaa bakka biraarra fidanii qacaru. Karrayyuun akka waardiyyaa fi hojjataa yerootti qofa qacaru. Beenyaa tokko malee qe’eerra kan buqqa’e, yeroo tokko hawaasa of danda’aa kan ture, Karrayyuun, amma hiyyummaa hamaaf saaxilamaniiru.

Rakkoon kun miidhaa naannootin uumaman. Haroon Basaqaa, waqtii bonaa Karrayyuun loonsaa obaasuuf itti fayyadamaa ture. Ergasii harichi 3km2 irraa gara 200km2 bal’atee lafa dheedii barbadeessuun horsiisee bultoota gara gaaratti dhiibaa jira.

Hawaasni Karrayyuu harichi bishaan jallisiin akka faalame amanu. Kosiin warshaa Sukkaara irraa bahuu bishaan haroo kana akka faale fi fayyadamuuf gaarii akka hin taane ibsu. Jiraattotni naannichaa dhibee kanaan dura hin baramneen miidhamu, daa’imman uumama hin baramneen dhalatu.

Abbootiin Karrayyuu babal’ina haroo Basaqaa akka dhaabsifamu MM Abiy Ahmad dabalatee mootummoota dhufanii darbanitti iyyataniiru. Iyyata isaaniif deebii quubsaa dhabuun isaaniin jiraachuu isaanii  xiyyeeffannoo akka hin qabne hubatan.

Hanqina lafa margaa fi bishaani yeroo irraa gara yerootti dabalaa jiru gareewwan horsiise bultoota giddu walmorkii yeroo tokko tokko gara hokkoratti jijjiiramu akka uumamu taasiseera. Obboleessa koo angafaa, Jiiloo Bulgaa lola hamaa Affaariifi Karrayyuu keessatti du’e. Ilma adaadaa koo Roobaa Jiiloo yeroo hidhattoonni sa’a fi re’oota isaa irraa fudhataniin ajjeefame. Anis bara 2001 gaa’ela naaf qophaa’e ture miliqee jireenya horsiisee bultummaa irraa barnoota osoo hin filanne ta’e, carraan koo isa kanuma ture.

Ethiopia amhara sign

Waggoota lamaan darban keessa milishaa fi humni addaa Naannoo Amaaraa lafa abbootii keenyatti seenanii mallattoo dhaabuun, mana amantaa ijaaruu isaani fi lafa Karrayyuu hiyyoomsu isaani ni yaadatama. Kiiloo meetira 45 gara keessoo bulchiinsa Karrayyuu fi magaalaa Matahaaraa irraa kiiloo meetira 23 qofa fagaate bakka argamutti asxaa ykn mallattoo “Baga nagaan gara naannoo Amaaraa dhuftan” jedhu dhaabaniiru. Kunis daangaa seera qabeessa irraa kan fagaateedha.erga jiraattonni naannichaa daangeeffama seeraan ala kan irra deddeebiin diigan booda poolisoonni federaalaa daangicha akka eegan bobbaasuun mootummaan federaalaa babal’ina Amaaraa akka deeggaru agarsiiseera.

Amaaraan lafa kana fudhachu keessatti carraa diinagdee fi faayidaa tarsiimoo yeroo dheeraa akka ilaalu amanama. Bakki kun fe’umsa guddaa karaa itti deddeebi’u daandiin guddicha Itoophiyaa fi Jibuutii walqunnamsiisu fi daandiin baabura Itiyoo-Jibuutii irratti argama.

Araara moo seeradhabdummaa?

Aggaammiin kana hunda osoo jiruu, Karrayyuun akkaataa jireenya fi sirna Gadaa isaani eeganii tursiisaniiru. Hoggantootni keenya dhiyeenya kan ajjeefaman dhiibbaa diinagdee, lafa fi siyaasaa irratti godhamaa ture dandamataniiru. Beekumsa aadaa baay’ee kan qaban yoo ta’u, Karrayyuu qofa osoo hin taane uummata Oromoo bal’aatti biratti kabajamtoota turan. Haa ta’u malee hidhattoota mootummaa Badhaadhinaa irra ajaja fudhataniin akka ajjeefaman taasifamaniiru.

Xiyyeeffannoon Itoophiyaadhaaf kennamaa jiru baay’inaan bakka waraanni itti gaggeeffamaa jiru Tigraayitti xiyyeeffata. Gadi fageenyaan yoo ilaalan garuu, kaaba Itoophiyaa ala seeraadhabdummaan, sarbiinsa mirga dhala namaa fi roorroo dhala namaa gaddisiisaa  arguun ni danda’ama. Miidhaa Karrayyuu dabalataan rakkoo hawaasa kanneen qaama sagalee isaani dhageessisu hin qabne fi miidiyaa waa’ee isaani dubbatu hin qabne arguun ni  danda’ama. Miidhaa suukkanneessaa kutaalee Itoophiyaa baay’ee keessatti, keessattuu giddugaleessa fi kibbatti, dhagahaman, baay’inaan toftaaleen qunnamtii waan addaan citani jiraniifi karaan cufaa ta’urraan kan ka’e hin gabaafaman.

Ajjeechaa Karrayyuu irratti raawwatame ilaalchisee qorannoon Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaan baasee badii bal’aa Naannoo Oromiyaatti mul’atu ilaalchisee marii haqa qabeessa akka gaggeeffamu carraa banaa. Hawaasa idil addunyaa fi sagalee dhageessiftoota Finfinnee jiran ajjeechaa raawwatame irratti qorannoo walabaa akka gaggeeffamu fi haqni kanneen ajjeefamanii akka bahu  waamicha gochu qabu. Kunis sarbiinsa walfakkaataa bakkee biraatti raawwatame irratti gaaffii kaasisu danda’a.

Aanga’ootni Itoophiyaa fi Oromiyaa dhiifama yoo gaafatan, beenyaa yoo kafalan, akkasumas yakkamtoota seeratti yoo dhiyeessan, Karrayyuu waliin araaramuuf balbala banuu danda’u. Furmaanni yoo itti hin laatamu ta’e, haleellaa hin mallee fi haqa dhabuun  fuuldura Itoophiyaa fi naannichaaf rakkoo guddaa ta’a.

Maddi: African arguments