8.5 C
Addis Ababa
Wednesday, December 11, 2024

Dhufa Birroolee: Kutaa 2ffaa

Birrooleen dukkana dukkana ta’uu isaa argaa hin turree, fi hirriiba of ishee wallaalchisee, baatee gara du’aatti fiigaa ture keessaa dhukkubbii akka waan lilmoon adda ishee waraananii itti dhaga’ameen dammaqxe. Garuu, kan isheen itti dammaqxe, bara keessa jirtu, biyya keessa jirtuu fi  haala keessa jirtutti osoo hin taane, waggaa sagal of duuba deebitee, bara 1997, waaree booda naannoo saa’atii sagalii, magaalaa Adaamaa, gaara siidaan wareegamtootaa Oromiyaa irra dhaabbatee jiru duubaan, bosona xiqqaa jiru keessatti gatamtee waan jirtu seete. Ammas, ekeraan bineensota du’an sanaa foon ishee fixanii, lafee ishee qorqaa waan jiran itti fakkaatee, dhukkubbii  ishee dammaqse caalaa, dhukkubbiin gaafa sana qaama saalaa ishee fi gadaamessa ishee irra ga’e itti dhaga’ame. Sanyiin jilba isaa irra ishee ciibsee jiru, bifa hedduu horatee, baayyatee, dhiirota hamoo gaafa sanaa fakkaatee isheetti mul’ate. Sax jettee Sanyii irraa oljettee, olkaatee dhaabachuuf jettee, hafuura fi humna waan dhabdeef, harkaan adda ishee qabattee, marga keessa of irra gadi teesse.  

Harka ishee, bakka madaa’ee qabee ture liphsattee ilaaltee, dhiiga ta’uu isaa arginaan akka nama du’a argee deebitee dunuunfatte – dunuunfattus, waanuma galaana dhiigaa xillinfoo seentee jirtu itti fakkaate. Ala ishee fi keessa ishee waan jiru jibbitee, keessi ishees nagaa dhabe. Hafuurri ishees gara alaatti malee gara keessaatti seenuu dide; mi’i garaa isheetis guuramanii gara lapheetti ol dhufanii, waan isheen nyaattee jirtu hunda gadi darbatanii, ofiis gadi ba’uuf laphee dhiibu. Dameen bishaan mataa isheetti naqaafi; Sanyiin ammoo harka isaa bishaan jiifatee laphee ishee qabaafi. Waan isheen nyaattee turte ba’ee dhumee, waan gadi baastu dhabdee miixatti, ni harganti. Sanyii fi Dameen waanuma qabanii gadi dhiisan wallaalan.

“Uhuu … Wayyooo … haadhakoo … Qo..richa…. bo..oorsaa sana …..” sagalee hafuura gara alaatti ba’u qofaan uumamuun harganaa, hooqqisaa,  Afaan Amaaraan dubbatti Birrooleen – intalli Jeneraal Morodaaa, intalli ministeera waraanaa biyya Itiyoophiyaa.

Sanyiin boorsaa ishee fuudhee bane. Waan fuulatti dibatan, waan hidhiitti dibatan, waan urgaa’u, waan shamarran of babbareechuuf fayyadaman, waan akka mi’a ittiin artistoonni fakkii kaasanii baayyatu, gadi guure. Dhuma irratti, lilmoo tokko gaafa argu fuudhee harkatti qabatee, qoricha isaa fuudhee,  waraqaa irratti maxxanfamee jiru dubbisuuf yeroo ol qabutti nahee fajjaa’ee dhaabbatee.

Dameen oljedhee fuula Sanyii naasuun irraa dubbatu, ija Sanyii barreeffama qorichichaa irratti fajjaa’ee jiru argee,  barreeffamichi maal akka jedhuu fi qorichichi qoricha dhibee maalii akka ta’e Sanyii gaafachuu barbaadus, deebii isaa dhaga’uu sodaate. 

“Maal fajajjee dhaabbattaa? Koottuu waraani! Waan barbaadeyyuu haa ta’u,” jedha Dameen, Birroolee harka isaa irratti hafuurri keessaa dhumaa jiruu fi suuta lawwaasa’aa deemaa jirtu of irratti ilaalaa. Sanyiin isa qorichicha arge, du’uu abdii ofii isaatu itti mul’ate; sagalee boo’ichaa akka gaafa awwaalcha abbaa isaatiitu gurra keessaa itti dhaga’ame; Sagalee Damee isa cina jiruu hoomaa hin dhageenye.

“Sanyiii…” jechaa sagalee dheekkamsaa fi mararfannaa ofkeessaa qabuun waama Dameen. Sanyiin, sagalee Damee kanaan, abbaa isaa dur gaafa inni waa balleessuuf deemu akkanatti waamee isa deebisu yaadate. Abbaa isaa, isa kaayyoo fi dhugaaf,  kiyyoo fi dhagaa itti darbatan hin sodaanne; isa warra kiyyoo itti darbatuuf, “beela’aniitii laata?” jedhee yaadee, qurxummii  horsiisu; isa dhagaa itti darbatamuun, “mana dhabaniitii laata?” jedhee yaadee, warra itti darbatuuf gamoo ijaaree darbe; isa ofii gamoo galma isaa sana fuulleetti ilaalaa, galaa malee osoo fiiguu, galma isaatti hin galiin hafe sana; isa “akka itti bahan malee akka itti galan hin beekanii” Oromoo mammaaksisaa hambise sana. Abbaa Isaa, isa harka namaatti du’e yaadatee; harka nama abbaa isaa ajjeesee barbaacha, Birroolee harka isaatti du’uuf deemtuuf, har’a yaadaan du’a Sanyiin. Qalbiin isaa waan ta’ee darbee fi waan ta’aa jiruun butamtee fagaattee, ija isaan xiyyeeffatee qorichicha ilaalaa, yaadaan waan ilaalaa hin jirre arga.

“Anis akkuma isaa, osoon hin gahin, osoon hin galin karaatti hafe Dameekoo” – qorichicha akkuma of fuuldura qabee ilaalaa jirutti, ituu itti hin yaadin, yaadi inni garaa isaa guute afaan Sanyii keessaa baha. 

“uuff…. fidii waraanimee, isa booda haasofnaa, karaa kana irraa deemnee. Dubbiin kun abbaa ishee bira geenyaan akka  dhufee asitti daaraa nu godhu beekta mitii?” jedha Dameen sagalee aariin keessaa mullatuun.

“Maalan beekee waraanaa?! Lilmoo insuliiniiti, dhibee sukkaaraa qabdi. Namni dhibee sukkaaraa qabu immoo dhiignaan rakkoodha, waan fayyituu miti, nama gumaa ta’eera. Naman ajjeesuufii qabu ajjeeseera, intala jaal Waaritee,  ofis of ajjeeseera” jedha Sanyiin, boorsaa ishee keessaa waan gadi gugguure ariitiin itti deddeebisaa, fi ariitiin wal walirra dubbachaa.

“Dhibee sukkaaraa qabdimoo? Duune hin jettuuree? Dafi dafi maaloo dafnee hospitaalaan ga’uu qabna; rakkoo hamaa keessa galleerra,” jedha Dameen naasuu fi ariitiin waan qabee gadi dhiisu wallaalaa. 


Hospitaala “Yekkaatit 12”tti, kutaa balaa, kan Birroolee qofti keessa ciisaa jirtu keessaa Narsiin, magaalli, tan dhaabbii fi deemsa toltu, fi kolfitee nama kofalchiiftu takka, oksiijinii Birroolee irraa baastee, gilukoosii jijjiirteefii, Sanyii fi Dameen akka olseenan eyyamteef. Birrooleen, gara balbalaatti fuula ishee garagalchitee ciisaa turte. Damee fi Sanyiin ol seenuu isaanii gaafa agartu, narsiin akka kuticha keessaa isaaniin gadi baastuuf gaafachuuf jettee, dubbachuu dadhabde. Harka ishee raastus narsiin sun arguu hin dandeenye – gara alaatti Damee waliin haasa’aa fi kolfaa gadi ba’aa jirti. Fuula Damee fi Sanyii irraa gara keenyan manaatti achi garagaltee ciisuuf jecha mataa ishee olfuudhuuf gaafa yaaltu, dhuqqubbiin itti dhaga’amnaan, akkuma ciisaa jirtutti, isaaniin ilaaluu irra dunuunfattee ciiste.

Ijaan dunuunfattus, yaadi ishee waan darbee fi waan jiru itti agarsiisa. Ammas, harka dhiiraa keessatti miidhamtee of dadhabuu ishee, yeroo kanatti diina malee fira ishee gargaaru ofbiraa dhabuu ishee, firri ishees abbaa fi haadha ishee qofa ta’uu, haati ishees haadha buddeenaa ta’uu, isaaniinis yeroo kanatti ofbiraa dhabuu, namni hunduu kan ishee miidhu ta’uu, ofiif humna dhabuu, fi abdii dhabuu. Yaadi ishee, waan isheen qabdu dhabamsiisee, jabina ishee laaffisee, waan isheen dhabdee fi dadhabina ishee itti odeessee, caalaadhumatti ishee laaffisaa, ishee aarsasi. Akka yeroo kaanii, aarii garaa ishee dubbattee, nama arrabsitee, dheekkamtee baafachuun haa hafuu, hafuura dheeraallee baafachuu dadhabdee. Ituu hin beekiinis imimmaan ija ishee keessaa gadi daddarbatte. 

Sanyiin imimmaan Birroolee keessatti, waan isheen itti hin himatin, waan isheen isatti hin dubbatin arge.  Sanyiin nama boo’u gaafa argu danda’ee imimmaan hin qabatu; garuu, nama fuulduratti boo’uu hin jaalatu. Isuma imimmaan ishee argu, ija isaa keessatti imimmaan qabachuuf yaalee gaafa dadhabu, kuticha keessaa gadi ba’uudhaan mana fincaanii seene. Dhaabbatee imimmaan of irraa haxaa’aa, kan biraan yaa’ee dhufaa, ituu kan Birroolee imimmaan argee  boo’aa jiruu,  jireenyi isaa itti mullataa. Gaaffiin isaa, deebiin gaaffii ta’ee itti mullata. Abbaa isaa ilaalee hin quufne sanatu itti mullata; haadha isaa qofaa teessee isa yaaddutu itti argama; yeroo akkanaatti, sossobbii haadha isaa durii ofbiraa dhabaa, hurrii aariin golgamaa, imimmaan abdii isaa biqilaa jiru gogsu roobaa, ganni darbee bonaaf abdii dhabe. Of jajjabeesse, imimmaan isaa ija keessatti hambisuuf yaalaa, hambisuus dadhabaa. Bakka dhiigu, cittuu uffataan hidhatuu, bakka imimmaa’uu maal godhuu? jedhee of gaafataa, malaa fi falas itti dhaba.

Xiqqoo of sossobee, of qabbaneessee, gara kutaa Birrooleen keessa ciisaa jirtuutti ol deebi’e. Dameen, Birroolee itti siqee sossobuuf yaalus, ofitti butuu waan diddeef, afaan qabatee taa’ee keenyan manaa  ilaala, yaadaan dhiphataa.     

“Birroolee, waan ta’e hundumaaf dhiifama” jedha Sanyiin Afaan Oromoon, akkuma kuticha olseeneen dhaabbatee fi Birroolee siree irratti asii gadi ija gaddi irraa mullatuun ilaalaa. Erga gadi taa’ee akka isheen Afaan Oromoo hin dhageenye yaadatee booda, Afaan Amaaraan irra deebi’ee dubbate – waan isheen waan afaan hin dhageenyeef jalaa callistes itti fakkaateera.

Birrooleen garuu dhiifama gochuufii mitii, akka kanatti kutaa isheen keessa jirtu keessa dhaabbachuun isaa fi sagaleen isaa isheef nagaa kennaa hin jiru. Akka kanatti ishee namni dhiifama gaafatee hin beeku. Birroolee reebanii mitii, Birroolee maqaa ishee waamanii, waraanaa fi eegduu isheen reebamanii, jilbeenfatanii kan dhiifama ishee gaafatan hedduudhaa; kan lubbuu isaanii kennanii hanga yoonaa ishee biratti dhiifama hin argatinis jiru.

Dameen Sanyii qarshii gaafatee dhabee, boorsaa Birroolee keessaa qarshii fuudhee nyaata bituuf gara alaatti bahe.

 Sanyiin waan dubbatus wallaalee, waan itti dubbatee ishee dubbachiisu barbaacha joora yaadaan.   

“Akkam sitti hin fooyyofnee?” jedha Sanyiin calleensa yeroo dheeraa booda, waraqaa tokko lafaa fuudhee dubbisaa.

Birroolee bira deebiin hin jiru.

“Akkam dhukkubbiin sitti dhaga’amu hin jiru mitii?” jedha Sanyiin, inni yeroo kaan dubbachiisuuf  waa meeqa dubbatanillee hin dubbanne sun. Sanyiin dubbachuu akka diina isaatti ilaalu sun, osoo hin jaallatin, kaayyoo isaa bira ga’uuf dubbachuutti araaramee, dubbachiisuu dadhabee, keessa isaatti ofitti qaana’aa, fi ofitti aaraa dubbata.

“Jabaadhu, amma fayyitee galtaa!”  Birroolee biraa deebii eegaa turee dhabee, dubbachuu isaan hanga tokko waan dhiifama gootuuf itti fakkaatee, irra deddeebi’ee  itti dudubbata Sanyiin. 

“Ituun hin fayyu ta’ee, ituun du’ee siif wayya,” jetti Birrooleen, akka waan Sanyiin waa’ee ishee hin beekneetti yaaddee, fi waan ishee hin beekneef waan inni ishee tuffataa jiru itti fakkaatee. “Maaliif?” yeroo inni jedhee gaafatu, itti fuftee akka humna guddaa of duubaa qabdu itti himuuf yaaddee akkasitti dubbatte.

“Diinnikee haa du’u! Anaan fayyuu keetu na fayyada” jedha Sanyiin, keessa isaatti maal yaaddee akka isheen  “ituun du’ee siif wayya” jette deebii isaa ofiif barbaadaa.

“Diinnikoo tokko suma kan du’u; warri akka keetii jiraachuu caalaa yoo du’an irra wayyaafi,” jetti Birrooleen gara mirgaatti garagaltee ciisuuf yaalaa.

“hahahaha.. Aaayi Birroolee Jeneraal Morodaa, an diinakee ta’ee du’uutu xiqqoo na aarsa malee, akkuma ati jette, jennatatti waanan galuuf, anaaf isa isin jireenya jettan kana irra duuti filannookooti,” jedha Sanyiin dubbii Birrooleetti kolfaa fi akkaataa sagaleessuu isaan bishaan itti naqee dubbii ishee  gatii dhowwachaa.   

“Du’aaf jireenya gidduu teessee filannoo dhabuuf jirta. Akkasitti dhiigakoo dhangalaasteemoo… wayyoooo…Saree ilma Saree…”   aariin hudhamaa dubbatti Birrooleen, imimmaan ija ishee keessa guuttee.

Sanyiin aaree dafqi adda irraa tif tif jedhee yaa’aa, teessoo irra taa’aa jiru irraa olka’e. Siree irra ciisaa jiraachuu ishee, namni ‘saree’ ittiin jechaa jiru dhiira ta’uu dhabuu isaa, fi silas aarii qabachuu dadhabee kana keessa seenuu isaa yaadatee, waan rukutu ijaan barbaadee dhabe. Teessoo isaa dhiitee keenyan manaatti rukutee, deebi’ee gadi taa’e.

Birrooleen tuffii isaaf qabdu agarsiisuuf hancufa afaan goge keessaa barbaaddattee walitti qabdee fuula isaa duratti cirriinfatti.

Cirriinfuu ishee hanga inni lafa bu’ee qoorutti ijaan hordofee, aarii isaa hafuura dheeraa tokkoon gadi baafate. Arrabsoo isheetti aaruu akka hin qabnes yaadaan of amansiisuu yaale. “An siin rukutuu barbaadee miti; situ hamaa dubbate.  Ani ammoo jechi akkanaa naan jedhamnaan miirakoo too’achuu hin danda’u. Ta’uyyuu si rukutuun anarra hin turre. Siif nama arrabsuun akka amala ta’e reefuun argaa jira. Baayyee akkan balleesse ofitti mureeraa, dhiifama naaf godhi, Birroolee. Du’a sodaadheemmoo mitii bari!” jedha Sanyiin afaan Amaaraa itti yaadee walitti fidee suuta walqabsiisee dubbatuun.

Sanyiin deebii ishee eegee dadhabee, “Dhiifama naaf gootee dhiistee, dhimma isheeti.  Waan jaalalli irraa na qabnaan akkas ta’aa jiru isheetti fakkaatee of mimmi’eessaa jirtiim yoona kun?!  Dhimman ishee barbaadeef itti himeen, bakka kanaa deemee, akkan ta’u ta’a. Maaltu kana waliin mataa na dhukkubsee?  Maal ta’a Uumaan akka bifa bareeche kana yaada ishees bareecheera osoo ta’ee, silaa yoona….” jedhee sammuu isaa keessatti ofitti dubbata Sanyiin – keessa isaatti jechaa fi amala isheetti aaraa fi tuffachaa. Karaa biraa immoo dhukkubees, addi ishee madaa’es, isa bareedinni ishee akkuma sila ganamaatti jiru; isa yoo hamaa dubbattes, harkistee dubbattes sagaleen ishee isa inni gurra namaatti mimmi’aayee badu, Sanyiin durba ajaa’ibsiifatee hin beekne, keessa isaatti ishee ajaa’ibsiifata.   

“Birroolee! An kana caalaa ituu ati ofbiratti argaakoo jibbituu si bira turuu hin danda’u. Si bira turuu caalaa, si biraa deemuun, waanan si gargaaru natti fakkaata. Garuu, ituma ati sagaleekoo dhaga’uu jibbituu, dhimman sitti himuu barbaadee, gidduutti waan hamaan kun nu mudateef sitti himuuf nan dirqama. Innis;..”  dubbii isaa itti fufuuf gidduutti  hafuura dheeraa baafata Sanyiin.

“Kutaa kana keessaa ba’i” jedha sagaleen Sanyii qofti dhaga’u, inni ajaja sagalichaa dinnaan akka miidhamu kanaan dura waan irra ga’een beeku sun itti dubbataa.

Birrooleen akka nama rafuutti sobdee haa ciiftuyyuu malee, akka nama asoosama dubbisaa jiruu dubbii Sanyii kana ittuma fuftee maal akka itti himuuf deemu dhaga’uuf onnee ishee bantee ciisaa jirti.

Sanyiin eega sagalicha dhaga’ee booda,  isa Birrooleetti himuuf ture dhiisee addaan kute. Gadi jedhee kophee isaa jabeessee hidhachaa, akka waan meeshaa wayii fidee dhufee asii fi achi kutaa sana keessa ilaale. Boorsaa Birroolee fi meeshaalee mana qorichaa sana malee waan isaa tokkoyyuu akka kuticha keessa hin jirre mirkaneeffatee, waan itti dhufaa jiru jalaa ba’uuf ka’e.

“Waaqayyo si haa gargaaru. Yoo lubbuun jiraanneef yeroo biraa ballinaan haasofna. Chaawu, ani deemeera” jedhe Sanyiin, gadi ba’uuf gara balbalaatti ariitiin deemaa.

“Maaliidha inni ati natti himuuf turte?” jetti Birrooleen daftee dhuma dubbichaa baruuf jarjartee.

Sanyiin isa balbala irra ga’e, dubbii isaa dhaga’uuf banamtuu ta’uun ishee gammachiisee, ariitiin ol deebi’e.

“Kitaaba haatikee barreessaa turte, kan haatikoo qofti qubee isaa beektee dubbistu, kitaaba waa’ee abbaakooo….” siree irratti gadi itti jedhee, ija ishee keessa ilaalaa ariitiin sardamee osoo itti hasaasaa jiruu gidduutti bilbilli isaa iyye. Bilbila Dameen bilbileef kaasee gurratti qabate.

“Konkolaataan poolisootaa ala kana guutee jira. Poolisoonni  olseenaa jiruu karaa dandeesseen ba’i. Dafi…dafi..” jedha Dameen ariitii fi naasuun harganaa. 

Sanyiin akkuma gadi ba’een, sagalee ejjennaa kophee poolisii,  koortaa gara gadii irraa gara isaatti oldhufaa jiru dhaga’e. Kortaa irra isa gadi bu’uuf jedhe dhiisee, gara mana fincaaniitti deemuun seenee xiqqoo dhaabbate. 

Mana fincaanii keessa akkuma dhaabbatetti, keenyan balbalaan dayatee gaafa dalga ilaalu, poolisichi uffata waraanaa uffatee, qawwee rarraafatee, raadiyoo afaanitti qabatee, kutaa Birrooleen keessa ciisaa jirtu fuuldura dhaabbataa jira. Daandiin Sanyiin ittiin gara lafaatti gadi bu’uu danda’u  too’annaa ija poolisichaa jala jira.

“Eessan bahuu? Harka jara kanaa keessatti du’uu irra gamoo kana irraa kufee caccabee du’uu naaf wayya. Du’a baqachuufan du’a sodaadhaa? Ituun baqadhuu du’uu irra ammoo, asuma dhaabadhee du’uu naaf wayyaa, maafan dhaabadha? As dhaabadhee sodaan of dhiphisuu irra, itti deemee dafee du’uu naaf wayya” jedhee keessa isaatti murteesse – hafuura sodaa of keessaa gadi baafatee, hafuura gootummaa tokko ol fudhatee, gara poolisichaatti faana fuudhaa.

“Deebi’i!” jedha sagalichi Sanyii qofti dhaga’u sun. Sanyiin akkuma fuulduratti tarkaanfataa jirutti ofduuba deebi’ee mana fincaanii seenuudhaan cufatee dhaabbate.

“Kutaa ciisichaa ishee keessaa akka ba’ee jiru naaf himtee jirti mucaan keessan…. Tole tole suuqa kam keessa seennee fuuna?” jedha poolisichi raadiyoon dubbataa fi gara kutaa mana fincaanii Sanyiin keessa jiruutti adeemaa. 

“Achumatti xumuraa koottaa.” Poolisichi kutaa Sanyiin keessa jirutti  dhiyaatee waan jiruuf, Sanyiin sagalee raadiyoo keessaa dubbatamu ni dhaga’a.

Sanyiin isa sagalee raadiyoo keessaa dubbatamu kana dhagahuudhaan, akka duuti himatee isatti dhufaa jiru baree, lafa lixu dhabe.  “‘Du’a beekanii nagaa hin dhaammatan’  jedhan; an amma kunoo akkan daqiiqaa muraasa booda du’u bareeraa, haadha koof bilbilee nagaa itti dhaammadhuu laata? Tarii nagaa itti dhaammachuun koo gadda ishee ni salphisaafii laata? Maal ta’a ituu namni na beekee naaf gaddu tokkoyyuu hin jiru ta’ee?  An isa haatikoo na dhabdee gadditee marattuudha kan na gaddisiisu malee, du’i koo waa tokko gurra irra na hin yaa’u. An silaa jara kana as keessayyuu hin dhokadhu…“ jedhee ituu Sanyiin ofkeessatti haasa’uu;  ituu inni isa ofii du’u caalaa, warra du’a isaaf gaddaniif gadduu; balballi kutaa mana fincaanichaa sadafii qawween rukutame…


Itti fufaa.


Read more