14.5 C
Addis Ababa
Saturday, July 27, 2024

Ethiopia: Ethnically motivated attack leaves scores dead in Amhara

Fano militants raided Yikawo, a village inhabited by the Agew minority ethnic group in West Gonder zone of Amhara region.

Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018, Rights Group

Oromia Support Group's (OSG) 66th report says Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018.

Oromo scholars reject PM Abiy’s speech in Naqamte

Oromos for Justice, Security and Truth (O-JUST) rejects Prime Minister Abiy Ahmed’s claim that "The Oromo people have been liberated."

Dargaggoo Indaastirii Muuziqaa Oromoo Guddisuuf Hojjataaru

Getting your Trinity Audio player ready...

Birraa Gammadii hundeessaa fi abbaa qabeenyaa Vision Entertainment’tiiti. Innis waahila isaa Gammachuu Abirahaam jedhamu waliin ji’oota 11 dura Ameerikaa bulchiinsa Portilaandi irraati kan hojii kanatti seenan.

Aadaan ummata Oromoo bal’aa fi guddaa ta’ee osoo jiru muuziqaalee hojjataman guddinnaa fi bal’inna ummatichaa kan bakka bu’anii miti jedha Birraan.

Fakkeenyaaf godinni tokko rukuttaa muuziqaa tokkoo ol qaba, kuni immoo haalaan irratti hin hojjatamne kan jedhu Birraan haalota kanniinitu akka hojii kanatti seenu na godhe jechuun Curate Oromia’tti himeera.

Birraan akka jedhutu ummanni Oromoo waggoota 100 oliif gabroomuunsaa aartii ummaticha sadarkaa guddaarra akka hin geenneef sababa ta’eera jedha.

“Aartiin Oromoo haala rakkisaa keessa ture. Aartistoonnis dararaa hamaa keessa darbaniiru, albamasaanii bakka itti gurguran hin qaban ture. Manneen muuziqaa biyya keessaas sirbasaanii sababa siyaasaatiif bituurraa dheessu turan. Aartistoonni Oromoo qabsaa’oota, fakkeenya qabsoo Oromooti,” jedha.

Haalonni kunniin hundi ammoo muuziqaan Oromoo sadarkaa guddaarra akka hin geenneef sababa biraati jedha Birraan.

Birra
Credit: Birra Gemmedi

Gama kaaniin ummanninuu aartii ofii guddisuurratti hanqinna akka qabus dubbata. Yeroo dhihoo asitti garuu muuziqaalee Afaan Oromoo YouTube irratti namoonni baay’innaan daawwataa akka jiranii fi muuziqaalee gaggaarii ta’an dhaggeeffattootaa fi daawwattoota bira gahaa dhufuusaanii hima Birraan.

Jaallattoonni muuziqaa Oromoo al tokko tokko muuziqaalee Afaan Oromootiin hojjataman qabiyyeesaaniirratti, waraabbii akkasumas muuziqaalee hedduunsaanii wal fakkaatu jedhaa yoo qeeqan ni dhagahamu.

Kun maal irraa kan ka’e jennee Birraa Gammadiin gaafannaan akkas nuun jedhe: “Kun rakkoo gabrummaa fi miidha keessa turuurraati. Aartii jiruu fi jireenya ummata tokkoo ibsa. Hanga ammaa ummanni fi aartistiin Oromoo carraa argatee baay’innaan waa’ee gammachuu, jaalalaa fi bashanansiisu sirbuuf carraa hin arganne.

Dabalataan immoo aartiin Oromoo hedduminnaan siyaasarratti irkata. Kunniin wantoota guddinna aartii Oromoof danqaa ta’aniidha.Inni biraa ammoo, dhageeffataanillee waan gaariirratti xiyyeeffatuurra wantoota xixiqqoo gaarii hin taanerratti xiyyeeffanna.”

Chaanaalonni YouTube muuziqaa fi aartii Oromoo yeroo adda addaatti namootaa gabaafaman (report) godhaman arguun yaadannoo yeroo dhihooti. Vision Entertainment erga hojii eegalee wanti akkanaa isin mudatee beekaa gaafii jedhuuf Birraan akkas jedha: “Hamma ammaatti nu hin mudanne.

Nuti mootummaa Ameerikaarraa hayyama LLC qabna. Yoo haalli akkasiis jiraate mana murtiitti himannee mirga keenna kabachiisuu ni dandeenna.

Inni kuun ammoo YouTube seera mataasaa ‘Community Standards’ jedhamu qaba. Yeroo muuziqaan tokko nu bira dhufu jechoota muuziqicha keessa jiran ‘Community Standards’ cabsuu fi cabsuu dhabuusaanii mirkaneessina. Jechoota muuziqaa san keessan jiran YouTube hin hayyama jiraachuu fi jiraachuu dhabuusaanii ni ilaalla.”

Gara fuulduratti Vision Entertainment gama filmii Afaan Oromootiin, baandii fi istiidiyoo guddaa sagalee fi suur-sagalee sadarkaasaa eeggate Finfinneetti hundeessuuf karoora akka qabu Birraa Gammadii dubbateera.

Gama kaaniin indaastirii muuziqaa Oromoo gama hundaan guddisuu fi sadarkaa muuziqaaleen idil addunyaa bira gahan gahuuf dhaabbannisaanii jabaatee hojjataa jiraachuu himeera. 

Read more

Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018, Rights Group

Oromia Support Group's (OSG) 66th report says Ethiopian government forces and Fano Militia killed over 5,775 civilians in Oromia since 2018.

Oromo scholars reject PM Abiy’s speech in Naqamte

Oromos for Justice, Security and Truth (O-JUST) rejects Prime Minister Abiy Ahmed’s claim that "The Oromo people have been liberated."

The Roots We Share

To be Oromo is to have unwavering solidarity with all oppressed people.

The Abiy Project: A conversation with Tom Gardner

Abiy is an idiosyncratic Ethiopian nationalist first.

The resurgence of Oromo culture seen through Kenyan eyes

As we say “It is not yet Uhuru” in Kenya; it is also not yet “Bilisummaa” in Oromia.