Loltoonni albee, xiyyaa, eeboo, cokoo fi gaachana baatan sun, mana sagadaatti olseenuun, uummata Uumaa isaaf sagadaa jiru morma irraa kutanii lafa bubuusu, lafee caccabsu, dhiiga lolaasu; dhala namaa bakka dhokatu dhabee waljala dhokatu, achitti xiyyaadhaan garaa keessa yaasu, walitti hodhu. Uummanni badii hin qabne sunis lubbuu isaatiif wawwaata, caraana, gadooda – akka sangaa qalamee. Kan iyyisiisuu fi kan iyyu malee kan iyya isaanii dhaga’u hin jiru. Kan ajjeesu malee kan birmatuuf hin jiru. Daa’imman saanduqa mana sagadaa keessa, teessuma jala lixanii dhokatu, kirkiranii hoollatu, dubbachuuf dadhabu, naasuun hafuura dhabu. Daa’imman sanas daa’ima jedhanii garaa osoo hin laafin albeen kukkutaa, akka booyyee roora’aa, fi akka hawwaannisaa badiif warra yaa’an sana, Sanyii Jigsaa Dhaabaa, siree isaa irra dugdaan ciisee ilaala.
Uummata garraamii, uummata jiraachuu qofa barbaadu ajjeesu – akka waan jiraachuun uummatichaa isaaniif du’a ta’ee; akka waan lubbuu warra ajjeesan sanaa kiisa kaawwatanii, lubbuu dabalatanii, ofiif umurii dheereffataniitti ilmaan namaa ajjeesu loltoonni hamoon sun.
Sanyii Jigsaa Dhaabaa kana ilaalee warra nama ajjeesu, loltoota ‘Raagnaar Laatbirook’iin hoogganaman sana jibbaa, Raagnaar garuu ni jaalata. Ajajaa jaallatee, ajajamaa jibba. Warra nama ajjeesu sana ajjeesuuf akkasaa dhaba. Kan nama ajjeesu jibbaa, du’a namaa jibbaa, kan nama ajjeesu ajjeesuuf hawwa. Uummati cunqurfamaan sun saba isaa itti fakkaatu. Lolas jaalachaa, lolas jibbaa, lolas ilaalaa…ituu Sanyiin fiilmii walitti fufaa ‘Vaayikiingi’ jedhamu akka nama bakka sana jiruutti ilaalaa jiruu, Furdisaa, gurbaa furdaa gabaabaan, kan Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo Jahaatti oduun beekamtii qabu, hiriyaan Sanyii balbala doormii banatee olseene.
Furdisaa duubaan barattoonni haasaa, qoosaa fi oduun Furdisaa galgala galgalaa araada itti ta’e dhufanii doormii guutan. Warri kaan siree Sanyii irra, warri kaan siree Gabramadin (barataa qomoon Tigiree ta’e tokko) irra, warri kaan teessoo irra tataa’an. Furdisaan immoo akka haasaaf toluufitti, minjaala irratti barreessan irra taa’ee, teessoo irra taa’an irra miilaan ejjetee, oduu haaraa isa har’aa dafee dubbachuuf arrabi isaa sassataa jira.
“Maaloo, maaloo…har’a waanuma boroonis, fuuldurris, fuullis walfaana maraatan tokkon arge; sirba hin qabdu malee Rihaanaadhuma jedhaa” jedhe Furdisaan jamaa barattoota doormii guutanii jiraniin, fuula gamtokkoo harkaan qabatee raajeffachaa.
“Ohooo Hoospitaala Amaanu’eel galani moo ree? hahahaha” jedhe Namoomsaan, jamaa kolfaa jiru gidduutii ofiis kolfaa.
“Ohoo.. konkolaataan manatti gale malee an silaa yoona sobee maraadhee Hoospitaala Amaanu’eel galeen jira” jedhe Furdisaan. Warri kaan osoo dubbachuuf jedhanii addaan kutee “isayyuu Damee fa’a waliin daree tokko, muummee tokko baratu. Dameen akkamitti barataa jira maaloo?” jedhe Furdisaan.
“Furdisaa furdaa! Waa’ee Birroolee isa mooraa guutuun ‘common course’ fudhataa ture reefu dhageessaa ati? Isheemmaa osoo hin galmeessin olgalchitee ta’a malee.. ” jedhe Dameen sagalee olkaasee dubbachaa fi doormii Sanyii faa seenaa – sagalee Furdisaa, isa bilookii isaanii irra darbee bilookii biraatti dhaga’amu, mana fincaanii keessa ta’ee dhaggeeffachaa ture.
“Bagan dafee hin argin, silaa yoona du’ee mana amantaa Sillaasee boroon jira; yoon carroome immoo Furdisaa furdaan kun qalladhee du’aan koo yoona qaallittiin jira.”
“Kana hoo sirrii jette, Ministeera waraanaa waliin hin qoofamu” jedhe Dameen.
“Ministeera waraanaatimoo isheen?” jedhe Fufaan, mucaan dubbiin dafee hin galleef hiriyyaan isaanii tokko.
“Intala Jeneraal Morodaa Dafaa waliin barataa jirra. Waraanatu marsee nu eega, eenyutu nu jeeqa?! Kanaan booda waa dubbannaan wayyoo” jedhe Dameen, quba isaa Fufaatti raasaa fi of bobbokoksaa.
Sanyiin waca isaanii keessa seenee wacuu hin jaalatu malee, galgala galgala yeroo mara ciisee akka nama hin dhageenyeetti qoosaa isaanii dhaggeeffatee, keessa isaatti kolfaa. Har’as fiilmicha dhaabee qoosaa fi haasaa isaanii dhaggeeffataa ture.
Akkuma waa’ee Jeneraal Morodaa Dafaa dhaga’eenis, “Hin qoostu moo dhugumaa? Intala guddattee yuunivarsitii barattu qabaa namtichi seexanni suni?” jedhe Sanyiin, siree irraa sax jedhee ol ka’ee taa’ee. Sanyiin akkasitti dubbatee hin beeku. Sanyiin baayyee hin dubbatu, dubbatus suuta dubbata, Afaan isaa keessaayis waan hamaan hin ba’u.
“Eyyeen, maali intala yuunivarsitii barattu qabaachuu isaatu si ajaa’ibe moo?” jedhe Namoomsaan gara Sanyii ilaalaa.
“Lakki, uummata rakkataa kana waliin biyya keessa barachuu isheetu isa ajaa’ibe” jedhe Furdisaan, sagalee isaa jijjiiree.
“Ajaa’iba! Ajaa’iba! Kun na hin ajaa’ibu,” jedhe Sanyiin, olka’ee dhaabbatee, gidduu isaanii asii fi achi deddeebi’aa, quba isaa walitti ..qa…qa…godhee rukataa.
“Kutaa keessan mitii Damee? Bor ganama waliin deemna, natti agarsiista intalattii,” jedhe Sanyiin, olka’ee Dameetti siqee dhaabbatee, fi osoo Furdisaan waa dubbachuuf jedhuu addaan kutee.
“Ati har’a…” Furdisaan waa dubbachuuf gaafa jedhu ammas Sanyiin addaan kute.
“Maqaan ishee eenyu jettanii?” jedhe Sanyiin, warra dubbachuuf jedhan ammas haasaa isaanii afaan irratti qabee. Furdisaan akka itti haasa’u dhabee gadi jedhee mataa foo’a.
“Birroolee jedhaniin,” jedhe Fufaan, dubbii beeku argannaan dubbachuuf ariifataa.
“Yeroo kaanoo waa’ema shamarranii gaafa kaafnu nu arrabsitaa, harra waa’een Birroolee eessaa si dhibee?” jedhe Dameen.
“Birroolee, Birroolee, waa’ee Birroolee
Nan dubbadha gaaf tokko
Gaafa birraan bari’ee
Gaafa waariin waaree ta’ee
Gaafa ejersi xaaxa’ee…” Sanyiin geeraruu mitii haasaaf of qusatu sun, geerarsa keessaa fuudhee, gaafa isaan gurra qeensan immoo dafee addaan kute.
“Ishoooo….Iiiiishooo…..” jedhu jamaan barattoota doormii guutanii jiranii sun.
Pirooktariin balbala banatee itti ol seenee erga xiqqoo dheekkamee booda warra doormii birootii dhufan gadi yaase.
“Bor akka karoora biraa hin baafanne Dameekoo, Birroolee natti agarsiista,” jedhe Sanyiin dhimmamee Damee doormii keessaa gadi ba’ee ala dhaabataa jiruun.
“Rakkoo hin qabu, anillee sittan agarsiisaa, rakkoo isa booda dhufu garuu an arguu hin barbaadu. Nagaan buli saayibii” jedhe Dameen ala ba’ee sagalee olkaasee isaanitti haasa’aa fi gara doormii isaatti deemaa.
Sanyii Jigsaa Dhaabaa duruu uruursaan of-sossobee of-raffisaa, erga waa’ee Birroolee, intala Jeneraal Morodaa dhaga’ee immoo, akka hirriiba waliin wal hin argine beekkateera. Takka koompiitara isaa banee fiilmii sila gidduutti dhaabe, ‘Vaayikiingi Kutaa 3ffaa’ irra ga’ee jiru ilaaluuf yaalus, fiilmichis foolii godhatee, dhiiga dhiiga itti ciinca’e. Takkammoo muuziqaa banatus, sagaleen muuziqaas sagalee boo’ichaa itti ta’e; kitaaba dubbisaa rafuuf yaalus, qola kitaabaa irrattis isa barreeffame caalaa, waa’ee isaa, isa hin barreeffamin, isa sammuu isaa keessaa isa cinqu sanatu itti mul’ata.
“Anillee sittan agarsiisaa, isa booda rakkoo dhufu arguu hin barbaadu.” Jecha Dameetu sammuu isaa keessa dhufee, arguukoon rakkoo maaliitu dhufa? Maalif akkana jedhe? Hin qoosamoo? Jechi Damee tokkichi damee yaafatee gaaffii itti ta’e. Furdisaa qoqee rafaa jiru, isa oduun jalaa hin dhokanne gaafatee adda baafachuuf waamnaan dhaga’uu dide; dhaga’us, Furdisaan yoo nyaata ta’e malee oduu guyyaa quufaa ooluuf hirriiba keessaa hin ka’u.
Sanyiin, yaadni gaariin furmaata qabu kan namaa dhufu qilleensa qabbana qabuu fi bakka callisa qabu keessatti jedhee waan amanuuf, ka’ee gadi ba’ee kortoo darbii lammaffaa irraa gara darbii sadaffaatti ol nama baasu irra taa’e. Barattoonni rafaniiru; ijoollee mana kitaabaatti dubbisaa turanii rafuuf gara doormiitti galaa jirantu darbee darbee sagaleen isaanii dhaga’ama.
Sanyiin, ibsaa magaalaa Finfinnee gamoo fi daandii irraa bakka tokkotti gobbatanii, bakka kaanitti immoo faffaca’anii billic billic jedhan sun, kaayyoo isaa dukkanooftee turtee amma galgala kana billic billic jechuu jalqabde itti fakkaatee, maddii qabatee taa’ee isaanitti ija bobaasa. Gaara kaayyoon isaa irra jiru ba’uuf, taa’ee, miila yaadaa hin dadhabneen tirata. Yaadaan bira ga’uu dadhabaa, “kanan yaadaan bira ga’uu dadhabe, akkamiinan miilaan bira ga’a?” jedha sammuu isaatti, yaadda’aa fi aaraa.
Takkammoo, kanumaayyuu gurraan dhaga’uu isaatti, intalli Jeneraal Morodaa, intalli Jaal Waaritee Fufaa jiraachuu ishee har’a dhaga’uu isaa yaadatee gammaduuf yaalaa, gammachuun isaa badee ture sun irraa fagaatee itti mul’ate — urjii samiitu irra itti dhiyaate. Birroolee argee hin beeknetu liphii liphii gaaddidduun ishee mumul’ataa, yaadaan waan bor isheetti dubbatu har’a ofitti dubbata. Yoo milkaa’uu dhabeef isa bor aaru, harra garaan isa gubata; yoo milkaa’e isa bor gammadu, har’a taa’ee kolfa Sanyiin qofaa isaa, halkan jala gara bariitirra.
Ganama, yeroo hojjetoonni fi barattoonni mooraa Yuunivarsitii Kiiloo Jahaa, kaan konkolaataan, kaan lafoo, barruulee, waraqaa fi boorsaa koompiitaraa qabatee ariitiin mooraa sesseenu, Birrooleen konkolaataa keessaa buutee; boorsaa ishee gurraacha kophee ishee waliin deemu fuutee rarraafattee; uffata ishee qaama ishee hunda dhoksee gidduun asii ol baqaqee, baqaqaan isaa jilba ishee gararraa xiqqoo oldarbee waa namatti mul’isee nama dhoksu sana walitti qabuuf yaalaa; akka ijji barattootaa fi namoota naannoo sana jiranii ishee irra jiru bartee, ‘Earphone’ ishee gurratti godhattee; muuziqaa deemsaaf tolu irra kaawwattee, yeroo isheen kap… kap.. jechaa olseentu, uummanni fi barataan mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee fuuldura jiru ofii dhaabbatee yaadaan ishee faana olseena. Konkolaachisaa fi eegduu ishee kan ta’e, dargaggeessi diimaan fuulli isaa godaannisni itti baayyatu, kan qaama fufurdatuu fi waan miillaan marii qabatee taa’aa jiru namatti fakkaatu, hanga isheen mooraa ol seentu taa’ee ijaan gaggeessee, konkolaataa isaa naanneffatee sokke.
Barattoonni aduu ganamaa qaammachaa, gamoo fuuldura taa’anii, daree seenanii barachuuf barsiisaa isaanii eegu. Yeroo Birrooleen dhuftu haasaa qofa mitii yaadi isaaniillee dhaabbatee, Birroolee dabarsan. Ija ijoollee dhiiraa qofa miti, ijji ijoollee durbaallee inaaffaa fi hawwiin Birroolee ilaala.
“Wow! Inni harraammoo adda. Ajab yaa deemsa” – sagalee barataa mukatti hirkatee taa’aa jiru tokkooti. Birrooleen dhuftee dabarraan dubbatee, fuula isaa muka jala dhokfatee taa’e. Birrooleen garagaltees hin ilaalle.
“Yoon si dhiise nan dhiisinii, Birroo. Ati nu dogoggorsuuf dhufta malee barnootaaf miti; birriinisoo tole hin jettu, humnaanisoo rakkoodha. Akkuma har’aa kana si waamuma qofa nuuf eeyyami bareedduu keenya,” jedhu barattoonni barataa isa jalqaba dubbate irratti ilaalanii, callistee dhaggeeffachuu ishee ajaa’ibsiifachaa. Har’a Birrooleen kan isheen dhaga’aa jirtu sirba Doonaa Samar — isa ‘Haat Istaf’ jedhamu, kan gurra keessaa dibbee reebaa jiru qofa malee, yeroo kaan, daandii irratti, mana barnootaa keessatti namni maqaa ishee waamnaan eegduu ishee itti waamtee reebisifti, barbaaddu ni hiisifti – intala Jeneraal Morodaati.
Sanyiin, ituu Dameen itti hin agarsiisin, isuma ijoolleen waaman dhaga’ee, ishee ta’uu baree, ka’ee dudduubaan deemee cinaa Birroolee bu’e.
Furdisaan ijoollee walitti qabatee dhaabatee kolfuu jalqabeera; nama beeku arginaan “koottaa ilaalaa” jedhee fageenya irraa iyyee waama, warra kaan bilbila bilbilee waameera. Furdisaan har’a oduu barbaadu argatee, bakka garaa isaa ga’uuf abdiin guutameera. Sanyiin dur ‘shamarranif hin roora’in, hin gororin’ jedhee Furdisaa arrabsu suni, har’a fuula barattootaa duratti salphachuuf, qaana’uuf isa inni deemaa jiru arguuf jarjareera Furdisaan. Barattoonni waan ta’uuf deemu ilaaluuf ija hahaxaawwatanii, hunduu yaadni fi ijji Birroolee fi Sanyii irra jira.
“Birroolee! Birroolee!” irra deddeebi’ee waama Sanyiin. Birrooleen, akka nama hin dhageenyee, rifeensa ishee gobbuu dugda irraa bakki wal hanqannaan fuulatti as baba’ee ishee caalaayyuu warra fuula ishee ilaaluu barbaadu rakkisu, rifeensa ishee duubatti deddeebisaa fuulduratti deemti.
Gaafa Sanyiin harka ishee qabu, akka nama wareeree, ariitiin harka isaa ofirraa darbattee, earphone ishee gurra irraa ariitiin babaastee, qax jettee Sanyiitti garagaltee dhaabbattee, ija ishee, isa yoo aartus yoo gammaddus jaalala facaasu sana itti bobaaste.
“Wushaa! Maal barbaadde?” jette Birrooleen, Afaan Amaaraan.“Yee anaan saree jettaa? Eessatti na beekta?”
Sanyiin hudhamee, onneen bokokee, fuulli isaa magaalinaa fi diimina gidduu jiru gara diimaatti of-jijjiiree, kabaluuf harki isaa akka hojjaa isaa dhedheeroon sun hidda yayyaafatee, innis ija itti bobaasee huhudhamaa, dha’uuf a’aggaamaa… Intala Jaal Waaritee Furii ta’uu ishee yaadataa, akka godhu wallaalaa.
“Isayyuu afaan ‘gaallaan’ na arrabsitaa? Ya ‘gaallaa’ lij” jette Birrooleen afaan Amaaraan.
“cayuuuuuuuu…” Sanyiin kaballaa gurraa fi fuula irraa iyyisiise. Birrooleen sagalee kaballaa sanaa fageenya irraa akka owwaattuutti yeroo dhumaaf dhageessee, dukkannis ifnis baqatee badee, waan irratti kuftu lafa ofjalaa dhabde. Hojjaan lafatti qurxamtee, Addishee dhagaa koobilii rukutee, dhiigni ishee faca’ee, jorgaatee ciiste. Maddiin Roomanaa bilchaate fakkaatu kaballaan dirmammaa’e lafaa nama mararaa, taa’an ishee tulluu ta’ee ciise.
Sanyiin na’ee akka Birroolee gaggabee hin kufne malee innis dhaabbiitti gaggabeera; gogee dhaabatee ilaala.
Furdisaan, Sanyiin Birroolee kabaluu isaa gaafa argu, “Har…ra… Sanyiin wa…raana nu ficcisiis…uuf… fiigaa! Fiigaa!” jechaa harganaa, surree isaa qabattoo laaffisee hidhatu sana, harka tokkoon ol harkifachaa, gara doormiitti baf baf jechaa fiigaa sokke. Barattoonni warri kaanis Furdisaa faana naannoo sanaa baqatanii badan.
Dameen bishaan fidee fiigaa dhufee, olqabee mataa isheetti naqe. Sanyiin waan akka abjuu sana keessaa dammaqee, dafee harka jala kaa’ee, wasaasaa ishee fuudhee gaaddisa gaattiraa jala geessee ciibse. Bishaaniin harka jiifatee takka laphee ishee qaqqabaaf Sanyiin; takka jirtii fi hin jirtuu ishee gadi itti jedhee dhahannaa onnee ishee dhaabatee turee reefu suuta ka’aa jiru sana dhaggeeffata. Adda ishee dhagaan koobilii rukutee dhiigse sana gaafa Sanyiin hidhuufiif dura bishaaniin dhiigaa fi biyyoo irraa miicuuf qubaan bakka madaa’e sana xuqu “a’aaa..” jetti Birrooleen ofbartee…
Itti fufa.