16.5 C
Addis Ababa
Tuesday, March 19, 2024

Oroomiyaa: Riifirandamii Amma!

Afaan OromooYaadaOroomiyaa: Riifirandamii Amma!

Mootummaan Itophiyaa amma jiru itti fufinsa Impaayera dullatttii Itiyoophiyaa kan Amaaraan hogganamu dha. Oromiyaan birmadummaa, walabummaa, mirgoota ilmaan namaa fi abbaa biyyummaa kan koloneeffataan Itiyoophiyaa irraa mulqe ammayyuu guutummaatt deebfatee iggitii itt hin tolfanne. Oromiyaan amma haala mootummaan ishee haala duree tokko malee akka beekamuuf barbaaddi. Hawwii ishee sududaan ibsachuu feetii. Fuuloon gowwoomsaa OPDO bahee darbatamuu qaba. Riifrandamii dura eenyu iyyuu Oromoo bakka bu’uuf hayyama hin qabaatuu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi jaarmiyaaleen siyaasaa biroon kan jiran ummatni isaanii akka ofiif dubbatatu aangessuuf qabsaawuufi malee ummata bakka bu’uuf mitii. Hundi ilaalcha addunyaa ofii qabaachuu danda’u garuu isa kanaaf tokkummaan ummatni isaanii karaa deemuu fedhu akka filachuu danda’u aangessuu qabu. Kanaaf Oromiyaan akka riifrandamii murteessaa ta’e godhattuuf tarkaanfii waloo fudhachuu kan dandeessisu sagantaa waloo tokko wixinuutu isaan irraa eegama. Kun mala qabsoo nagaatii. Sun yoo hin taane karaan WBO filmaata tokkicha jiru ta’a.

Karaan WBO fedhii bal’aa ummata Oromoo waan calaqqisiisuuf , shakkii malee ni milkaa’a. Lola bilisummaa keessattI kan moo’atu hin jiru jechuun holola duubatti harkistuu koloneeffattuuti. Lola kam keessatti si’a caalu garri kutannoo, murteeffannoo fi kaayyoo qajeelaa ta’e qabu ni moo’a. Oromoon gidiraa dhala namaa dhabamsiisuuf waan qabsaawaniif ni injifatu. Dhimmi oromoo, akka sabaa fi akka ummataatti dubbii of baraaruuti.

Dhuma irratti, dhaabiilee siyaasaa Oromoo kanneen aangoo Itiyoophiyaaf dorgomuudhaaf galmaa’anii jiraniif ergaan ani qabu Oromiyaan bilisa taate nu deeggarti jedhanii of gowwoomsuu irraa akka of qusatanin dhaamuu dha.

Halagaan akkuma Goobanaa Daaccee fi Haayilee Fidaa godhe isaaniinis ni qala. Akka paartii Oromoo Itiyoophiyaattis tahe, akka paartii Oromoo walabaatti ni dorgomu yoo ta’e dharraa saanii bahachuu kan danda’an dursitee Oromiyaa walabi jiraachuu irratti akka hundaawu beekuu dha. Kanaafis dura hojjechuu qabu.

Muuxannoo dheeraaf waan dhiheenya ragaa baanu irraa koloneeffatoota keenya waliin jiraachuun salphaa akka hin taane dha. Ummatni hedduun kana irratti waan walii galan fakkaata. Kanaaf Oromoon eenyu waliinuu walqixxummaan dubbachuuf dursanii birmaduu fi jabaa ta’uu qabu. Oromoo waliin dubbachuuf dura riifrandamii gaggeeffamuu, itti aansee immoo waraanni halagaa toko utuu hin hafin Oromiyaa keessaa bahutu gaafatama.

WBOn tarii yeroof dhukaasa dhaabuu irratt walii gala ta’aa garuu hanga walabummaatt hidhannoo gonka hin hiikkatu lamuus moora mootummaa matuma hin seenu kan jedhe fakkaata. Dhaadannoo Oromootu dursa (Oromo first” jedhu Jawar mohammadiin Waggoota yartuu dura haaromfame yaadadhaa. Jarri sana jechuu isaaf illee, Jawariif hin obsine.

Oromiyaan haa jiraattu!