Press "Enter" to skip to content
Lafa aanaa Qimbibiit, Suuraa: waajjira Kominikeeshinii aanaa Qimbibiit.

Lafti Guddaan Haala Hin Beekamnee Oromiyaa,Aanaa Qimbibiit Irraa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Jala Gale

Lafti guddaan haala hin beekamnee aanaa Qimbibiit irraa bulchiinsa naannoo Amaaraa jala jiraachuun gabaafame. Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Qimbibiit Humni Adda Naannoo Amaara jiraachuun isaa nageenya jiraattotaa irratti yaaddoo uumaa jira jedhe. Humni Adda Naannoo Amaara naannawa keenya qubatee waan jiruuf bahaa fi gala keenya irratti soda nageenya guddaa uume jedhu jiraattotni shawaa Kaabaa Aanaa Qimbibiit.

Qonnaan bulaa Fiqaaduu Raggasaa jiraataa Aanaa Qimbibiit Ganda Siinqee fi abbaa maatii saddeetiti. Lafti Abbaa isaa irraa dhaale heektarri afurii ol waan irraa fudhatameef, lafa hafte sanarraa oomishni argatu nyaata bira darbee jireenya isaa jijjiruu hin dandeenye jedha. Ijoollee isaa barsiifachuufis hedduu itti ulfaatee, yeroo adda addaa hojii humnaa fi kanneen biroo akka hojjatu dubbata. Laftii beenya malee nurraa fudhatamee waggaa Soddomii Shaniif deebii itti dhabne, yaaddo nageenyaa nutti ta’uun jireenya keenya ulfaata taasisa jira jedhu jiraattotni aanichaa.

Bara 1977 ALI Giddu Galli Qonna Hoolotaa Dame Shanoo lafa qonnaan bulaa abbaa warraa 22 ta’u irraa lafa heektaraa 280 ta’u fudhatee jechuun akkataa Lafti isaanii irraa fudhatamee fi jireenya akkasiif saaxilaman Addis Standarditti hime.

Yeroo sana giddu gala sanarraa waan baay’ee fayyadamtu, qorannnoo adda addas yeroo ba’u isiniif kennama, tajaajila adda addaa akka bishaani fi ibsaas isiniif galaa, isinis ijoolleen keessanis giddu gala kanatti mindeeffamtanii hojjachuu dandeessu jechuun beenya tokko malee irraa fudhachuu hima.

Haa ta’uu malee, Beenyaan akka isaaniif kanfalamu waadaa isaaniif galamuus, kanfaltii tokko malee dhabbanni waggaa 20 oliif Qorannoo qonnaa itti hojjachuun hoolota itti horsiisaa ture bara 1997 dhiisee bahe jedhe.

Sana booda Dhabbata biraa aannaan Oomishutti gurgurame jedhanii haala hin beekamneen mootumman naannoo Amaaraa jala galuu dhageenye jedhe. Lafti kun lafa keenya lafa Qonnaan Bultoota Oromoo ta’ee osoo jiru haala kamiin naannoo sadii jala galee jennee yeroo addaa addaatti yookan lafti seeran ala nurraa fudhatame nuuf akka deebi’u yookan beenyaan lafa keenyaan wal gitu akka nuuf kaffalamu hanga Oromiyaatti deemne gafannuus wagga 35 oliif gaaffi deebii dhabe ta’ee hafee jedhe.

Qonnaa Bulaa biraa lafti isaa irraa fudhatame biraa Warquu Daadhii sababa lafa kanaaf yeroo adda adda nama bakka buufannee gaafachaa turre, garuu qaamoleen mootummaa keessa jiran sababa dhimma keenya nuuf hin ilaalleef ifa mitii jedha. Lafti keessaan seeran alaa isin irraa fudhatamuu hin qabu nun jechuu malee qaamni haqa keenya nuuf deebise tokko hin jiru.

Yeroo dhiyoo as ammoo bakki kun naannoo amaaraa waan ta’eef waraqaa eenyummaa naannoo Amaaraa yoo qabattan malee dhabbalee keessatti hojii guyyaallee hojjachuu hin dandeessan jedhanii dhorkaa jiru.

Qonnaan bultootni lafti isaanii hedduun ykn guutummaan irraaa fudhatame keessa warri kaan biyya bahuun bakka jiran kan hin beekamneef warri jiran immoo jireenya gadaana keessa akka jiranis himan qonnaan bultootni kunneen.

Akka waajjirri kominikeeshinii Aanaa Qimbibit ibsetti Bulchaan Aanichaa Mogas Nagaash komiin qonnaan bultoota kun dhugaa akka ta’uu fi gaaffii hawaasa kanaaf furmaanni akka itti kennamu hordofaa akka jiraachuu ibseera. Addis standard itti gaafatamaa waajjira lafaa Tolasaa Hundee akkasumas bulchaa aanaa Qimbibiitti Mogas Nagaash dhimma kana irratti akka odeeffannoo kennan dubbisus odeeffannoo laachuuf eeyyamamoo miti.

Maddi: Addis Standard.

Curate Oromia © 2022. All rights reserved.